Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Humna Haaromfame

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 13 waa'ee Humna Haaromfame dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Isaayyaas 40:31

Warri Waaqayyoon abdatan garuu humna isaanii ni haaromfatu. Isaan akkuma risaa qoochoodhaan barrisu; ni fiigu; hin dadhaban; ni deemu; hin bututan.

02 2 Qorontos 4:16

Kanaafuu nu abdii hin kutannu. Yoo namummaan keenya inni alaan mulʼatu dhumaa deeme iyyuu, namummaan keenya inni keessaa garuu guyyuma guyyaan haaromfamaa deema.

03 Faarfannaa 103:5

akka dargaggummaan kee akkuma risaa haaromfamuufis, inni fedhii kee waan gaariidhaan ni guuta.

04 Fiiliphisiyuus 4:13

Ani isa humna naa kennu sanaan waan hunda gochuu nan dandaʼa.

05 Isaayyaas 40:29

Inni dadhabdootaaf jabina kenna; nama laafaaf immoo humna dabala.

06 Isaayyaas 40:30-31

Ijoolleen iyyuu ni dadhabu; ni bututus; dargaggoonnis gufatanii kufu; Warri Waaqayyoon abdatan garuu humna isaanii ni haaromfatu. Isaan akkuma risaa qoochoodhaan barrisu; ni fiigu; hin dadhaban; ni deemu; hin bututan.

07 Faarfannaa 73:26

Foon koo fi onneen koo dadhabuu dandaʼu; Waaqni garuu jabina garaa koo ti; bara baraanis inni qooda koo.

08 Efesoon 3:16

Inni akkuma badhaadhummaa ulfina isaatti karaa Hafuura isaatiin namummaa keessan kan keessaa humnaan akka cimsuuf nan kadhadha;

09 Faarfannaa 28:7-8

Waaqayyo jabina koo fi gaachana koo ti; garaan koo isa amanata; anis gargaarsa argadheera. Garaan koo baayʼee gammada; anis faarfannaadhaan isa nan galateeffadha. Waaqayyo jabina saba isaa ti; dibamaa isaatiifis daʼoo fayyinaa ti.

10 Nahimiyaa 8:10

Kana irratti Nahimiyaan akkana jedhe; “Dhaqaatii nyaata filatamaa nyaadhaa; dhugaatii miʼaawaas dhugaa; warra waan qophaaʼe tokko illee hin qabneefis waa ergaa. Guyyaan kun guyyaa Gooftaa keenyaaf qulqulleeffamee dha. Sababii gammachuun Waaqayyoo jabina keessan taʼeef hin gaddinaa.”

11 Qolosaayis 1:11

isinis jajjabinaa fi obsa guddaa akka qabaattaniif, akkuma aangoo isaa ulfina qabeessa sanaatti humna hundaan jabaachaa, gammadaas

12 Faarfannaa 138:3

Yeroo ani si waammadhetti ati deebii naa kennite; irree keetiinis na jabeessite.

13 Anbaaqoom 3:19

Waaqayyo Gooftaan jabina koo ti; inni miilla koo akka miilla borofaa godha; lafa ol kaʼaa irras na deemsisa.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban