Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Tattaaffii

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 7 waa'ee Tattaaffii dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Fakkeenya 12:24

Harki nama jabaatee hojjetuu ni moʼa; dhibaaʼummaan garuu garbummaatti nama geessa.

02 Fakkeenya 10:4

Harki hojii hin hojjenne nama hiyyoomsa; harki jabaatee hojii hojjetu garuu nama sooromsa.

03 Qolosaayis 3:23

Waan hojjettan hunda akka waan namaaf hojjettaniitti utuu hin taʼin akka waan Gooftaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa;

04 Fakkeenya 13:4

Fedhiin dhibaaʼaa yoom iyyuu hin guutamu; fedhiin nama jabaatee hojjetuu immoo guutumaan ni milkaaʼa.

05 Lallaba 9:10

Waan harki kee hojjechuu dandaʼu hunda humna kee guutuudhaan hojjedhu; awwaala ati itti deemuuf jirtu keessa hojiin yookaan yaadni yookaan beekumsi yookaan ogummaan hin jiruutii.

06 Fakkeenya 21:5

Karoorri nama tattaaffatuu buʼaa argamsiisa; namni ariifatu garuu ni hiyyooma.

07 Fakkeenya 22:29

Nama hojii isaa keessatti ogummaa qabu argitee? Inni fuula moototaa dura dhaabata; fuula namoota kaanii dura garuu hin dhaabatu.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban