Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Hiyyummaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 12 waa'ee Hiyyummaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Fakkeenya 19:17

Namni hiyyeessaaf garaa laafu Waaqayyoof liqeessa; Waaqnis waan inni hojjete sanaaf isa badhaasa.

02 Fakkeenya 14:31

Namni hiyyeessa cunqursu kan isa Uume tuffata; namni hiyyeessaaf garaa laafu immoo Waaqa kabaja.

03 Fakkeenya 22:2

Wanni sooressaa fi hiyyeessa wal fakkeessu kanaa dha: Uumaan hunda isaanii Waaqayyoo dha.

04 1 Saamuʼeel 2:7

Waaqayyo ni hiyyoomsa; ni sooromsas; ni salphisa; ni ulfeessas.

05 Faarfannaa 140:12

Waaqayyo rakkattootaaf falmee hiyyeeyyiif illee murtii qajeelaa akka kennu ani beeka.

06 Fakkeenya 30:8-9

Gowwoomsaa fi soba narraa fageessi; hiyyummaa yookaan sooruma naaf hin kennin; garuu buddeena koo guyyaa guyyaan naaf kenni. Yoo kanaa achii ani akka malee quufee si ganee ‘ Waaqayyo eenyuu dha?’ nan jedha; yookaan hiyyoomee hatee, akkasiin maqaa Waaqa koo nan salphisa.

07 Fakkeenya 13:23

Qonnaan hiyyeessaa midhaan guddaa baasa; murtiin jalʼaan garuu haxaaʼee duraa balleessa.

08 Fakkeenya 17:5

Namni hiyyeeyyiitti qoosu kan isaan Uume sana tuffata; kan badiisa namaatti gammadu utuu hin adabamin hin hafu.

09 Fakkeenya 31:20

Isheen hiyyeessaaf harka hiixatti; dhabaadhaaf illee harka balʼifti.

10 Luqaas 6:20

Innis barattoota isaa ilaalee akkana jedhe: “Isin warri hiyyeeyyiin eebbifamoo dha; mootummaan Waaqaa kan keessaniitii.

11 Fakkeenya 21:13

Namni tokko yoo iyya hiyyeessaatiif gurra kennuu dide, innis ni iyya; deebiis hin argatu.

12 Fakkeenya 30:14

dhaloota hiyyeeyyii lafa irraa fixuuf rakkattoota illee gidduu namaatii balleessuuf ilkaan isaa goraadee, haʼoon isaa immoo billaa taʼe jira.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban