Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Waan Qabaniin Gammaduu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 5 waa'ee Waan Qabaniin Gammaduu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Fiiliphisiyuus 4:11

Ani waan waa dhabeef akkana jechaa hin jiru; haala kam iyyuu keessatti na gaʼa jechuu baradheeraatii.

02 1 Xiimotewos 6:6-8

Waaqatti buluun, “Wanni ani qabu na gaʼa” jechuu of keessaa qabaannaan kun dhugumaan faayidaa guddaa qaba. Nu waan tokko illee gara addunyaatti waan hin fidiniif, waan tokko illee addunyaa keessaa fudhachuu hin dandeenyu. Garuu waan nyaannuu fi waan uffannu qabaannaan nu gaʼa.

03 Ibroota 13:5

Jireenya keessan jaalala maallaqaa irraa jabeessaa eeggadhaa; wanni qabdan isin haa gaʼu; Waaqni, “Ani gonkumaa si hin dhiisu; gonkumaas si hin gatu” jedheeraatii.

04 Fakkeenya 30:8-9

Gowwoomsaa fi soba narraa fageessi; hiyyummaa yookaan sooruma naaf hin kennin; garuu buddeena koo guyyaa guyyaan naaf kenni. Yoo kanaa achii ani akka malee quufee si ganee ‘ Waaqayyo eenyuu dha?’ nan jedha; yookaan hiyyoomee hatee, akkasiin maqaa Waaqa koo nan salphisa.

05 Fiiliphisiyuus 4:12-13

Ani dhabuun maal akka taʼe beeka; baayʼee qabaachuunis maal akka taʼe nan beeka. Haala kam iyyuu keessatti, waan hunda keessattis icciitii quufuutii fi beelaʼuu, baayʼee qabaachuutii fi dhabuu baradheera. Ani isa humna naa kennu sanaan waan hunda gochuu nan dandaʼa.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban