Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Qabeenya

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 7 waa'ee Qabeenya dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Fakkeenya 11:28

Namni sooruma ofii isaa abdatu kam iyyuu ni kufa; qajeelaan garuu akkuma baala magariisaatti lalisa.

02 1 Xiimotewos 6:17

Ati akka sooreyyiin addunyaa kanaa of tuuluu yookaan qabeenya badu abdachuu dhiisanii Waaqa akka nu itti gammannuuf jedhee waan hunda baayʼisee nuu kennu sana abdataniif isaan ajaji.

03 Fakkeenya 23:4-5

Sooromuuf jettee of hin dadhabsiisin; of qabuufis ogummaa qabaadhu. Sooromni yommuu ati ija irra buufattutti ni bada; inni dhugumaan Baallee baafatee akkuma risaa gara samiitti ol barrisaatii.

04 Lallaba 5:10

Nama maallaqa jaalatu kam iyyuu maallaqni isa hin gaʼu; nama qabeenya jaalatu illee galiin isaa isa hin quubsu. Kunis faayidaa hin qabu.

05 Keessa Deebii 8:18

Garuu Waaqayyo Waaqa kee yaadadhu; kan akkuma harʼa jiru kanatti akka ati qabeenya horattuuf dandeettii siif kennee waadaa kakuudhaan abbootii keetiif gale sana siif eege isaatii.

06 Fakkeenya 22:1

Maqaan gaariin badhaadhummaa guddaa caalaa filatamaa dha; kabajamuunis meetii fi warqee caala.

07 Maatewos 6:24

“Namni gooftota lama tajaajiluu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Isa tokko jibbitee isa kaan jaallattaatii; yookaan isa tokkoof of kennitee isa kaan immoo tuffatta. Isinis Waaqaa fi Maallaqa tajaajiluu hin dandeessan.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban