Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Hojii
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Hojii dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Waan hojjettan hunda akka waan namaaf hojjettaniitti utuu hin taʼin akka waan Gooftaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa;
kunis sababii isin akka Gooftaa biraa badhaasa dhaalaa argattan beektaniif. Kan isin tajaajilaa jirtan Kiristoos Goofticha.
Waan hojjettu hunda Waaqayyotti kennadhu; karoorri kees siif milkaaʼa.
Waan harki kee hojjechuu dandaʼu hunda humna kee guutuudhaan hojjedhu; awwaala ati itti deemuuf jirtu keessa hojiin yookaan yaadni yookaan beekumsi yookaan ogummaan hin jiruutii.
Kanaafuu yoo nyaattan yookaan yoo dhugdan yookaan yoo waanuma fedhe illee hojjettan waan hunda ulfina Waaqaatiif hojjedhaa.
Jabaatanii hojjechuun hundi buʼaa buusa; oduun faayidaa hin qabne garuu hiyyummaa qofa fida.
Nu yommuu isin bira turretti ajaja, “Namni hojjechuu hin barbaanne kam iyyuu hin nyaatin” jedhu isinii kenninee turreetii.
Waaqayyo Waaqni akka inni isa misoomsuu fi akka inni isa eeguuf jedhee nama fuudhee Iddoo Biqiltuu Eeden keessa kaaʼe.