Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Idaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Idaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Fakkeenya 22:7

Sooressi hiyyeessa bulcha; liqeeffataan garbicha liqeessituu ti.

02 Roomaa 13:8

Isin wal jaallachuu malee gatii tokko illee of irraa hin qabaatinaa; namni nama biraa jaallatu kam iyyuu seera raawwateeraatii.

03 Fakkeenya 22:26-27

Nama harka dhaʼee waadaa galu yookaan nama liqii namaatiif wabii taʼu hin taʼin; yoo ati waan baaftu dhabde, sireen kee iyyuu si jalaa fudhatama.

04 Faarfannaa 37:21

Namoonni hamoon ni liqeeffatu; garuu deebisanii of irraa hin baasan; qajeeltonni garuu arjummaadhaan kennu;

05 Keessa Deebii 15:6

Waan Waaqayyo Waaqni kee akkuma si abdachiisetti si eebbisuuf ati saboota baayʼeedhaaf liqeessita malee tokko irraa iyyuu hin liqeeffattu. Ati saboota baayʼee bulchita malee isaan si hin bulchan.

06 Fakkeenya 3:27-28

Ati yeroo waan tokko gochuudhaaf aangoo qabdutti, warra wanni gaariin isaaniif malu irraa waan sana hin hanqisin. Utuu amma waa qabduu, ollaa keetiin, “Yeroo biraa deebiʼii kottu; ani bori siifin kennaatii” hin jedhin.

07 Faarfannaa 37:26

Qajeeltonni yeroo hundumaa ni arjoomu; ni liqeessus; ijoolleen isaaniis ni eebbifamu.

08 2 Mootota 4:7

Isheen dhaqxee nama Waaqaa sanatti himte; innis, “Dhaqii zayitii sana gurguriitii liqii kee baafadhu. Atii fi ilmaan kee waan hafeen jiraachuu ni dandeessu” jedhe.

09 Maatewos 18:27

Gooftaan garbicha sanaas garaa laafeef; gatii isa irraa qabus dhiiseefii gad isa lakkise.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban