Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Niitii Amala Gaarii Qabdu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 12 waa'ee Niitii Amala Gaarii Qabdu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Niitii amala gaarii qabdu eenyutu argachuu dandaʼa? Isheen lula diimaa caalaa gati qabeettii dha.
Isheen jabinaa fi ulfina uffatti; bara dhufaa jiruttis kolfuu dandeessi. Afaan ishee ogummaadhaan banatti; gorsi gara laafinaas arraba ishee irra jira.
Simboon nama gowwoomsa; miidhaginnis ni darba; dubartiin Waaqayyoon sodaattu garuu galateeffamtuu dha.
Niitiin amala gaarii dhirsa isheetiif gonfoo dha; niitiin qaanessitu garuu akkuma tortora lafee isaa keessaa ti.
Namni niitii argatu waan gaarii argata; fuula Waaqayyoo durattis surraa argata.
Dhirsi ishee guddisee ishee amanata; inni waan faayidaa qabu tokko illee hin dhabu.
Isheen mana ishee toʼatti; isheen buddeena dhibaaʼummaas hin nyaattu. Ijoolleen ishee kaʼanii, eebbifamtuu jedhuun; dhirsi ishees akkasuma jedhaan; akkana jedhees ishee jaja:
Manaa fi qabeenyi warra ofii irraa dhaalamu; niitii qalbii qabdu garuu Waaqayyotu namaaf kenna.
Dubartiin ogeettiin mana ishee ijaarratti; gowwaan immoo harkuma isheetiin mana ofii diigdi.
Miidhaginni keessan faaya alaan mulʼatuun jechuunis shurrubbaa dhaʼachuu, warqee kaaʼachuu fi uffata bareedaa uffachuun hin taʼin; qooda kanaa miidhaginni keessan miidhagina keessa namummaa keessanii haa taʼu; innis miidhagina hafuura garraamii fi tasgabbaaʼaa, kan hin badne, kan fuula Waaqaa duratti gatii guddaa qabu haa taʼu.
Isheen hiyyeessaaf harka hiixatti; dhabaadhaaf illee harka balʼifti.
Yoos isaan akka dubartoonni shamarran dhirsoota isaanii fi ijoollee isaanii jaallatan barsiisuu ni dandaʼu; akka dubbiin Waaqaa hin tuffatamneefis akka of qaban, akka qulqullaaʼan, akka hojii mana keessaatiin qabaman, akka arjoota taʼan, akka dhirsoota isaaniitiif ajajaman ni barsiisu.