Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Jaalalaa fi Kabaja
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 7 waa'ee Jaalalaa fi Kabaja dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Taʼus isin keessaa tokkoon tokkoon namaa akkuma of jaallatutti niitii ofii haa jaallatu; niitiinis dhirsa ofii haa kabajju.
Yaa dhirsoota, akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaa jaallatee isheef of kenne sana isinis niitota keessan jaalladhaa;
Yaa niitota, yoo dhirsoonni dubbicha hin amanne tokko tokko jiraatan akka isaan dubbii tokko malee amaluma niitota isaaniitiin boojiʼamaniif isinis akkasuma dhirsoota keessaniif ajajamaa; isaanis yommuu qulqullinaa fi sodaa isin jireenya keessan keessatti qabdan arganitti ni boojiʼamu.
Yaa dhirsoota, isinis niitota keessan jaalladhaa; isaanittis hin hammaatinaa.
Jaalalli obsa qaba; jaalalli arjaa dha. Inni hin hinaafu; hin kooru; ofis hin tuulu. Jaalalli waan hin malle hin hojjetu; ofittoo miti; dafee hin aaru; hammina namatti hin lakkaaʼu.
Yaa dhirsoota, isinis akkasuma akka isaan dadhaboo taʼan hubadhaatii ulfina isaaniif kennuudhaan niitota keessan wajjin jiraadhaa; kanas sababii isaanis isin wajjin ayyaana jireenyaa dhaalaniif akka wanni tokko iyyuu kadhaa keessan hin gufachiifneef jedhaatii godhaa.
Jaalala obbolummaatiin jabeessaa wal jaalladhaa. Ulfina walii kennuutti wal dorgomaa.