Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Ijoollee Waaqayyoon Sodaatan Guddisuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 12 waa'ee Ijoollee Waaqayyoon Sodaatan Guddisuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Fakkeenya 22:6

Daaʼima tokko karaa inni irra deemuu qabu barsiisi; inni gaafa dulloome iyyuu karaa sana irraa hin jalʼatu.

02 Keessa Deebii 6:6-7

Ajajawwan ani harʼa siif kennu kunneen garaa kee keessa haa jiraatan. Ijoollee kees cimsii barsiisi. Yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi.

03 Efesoon 6:4

Yaa abbootii, isinis ijoollee keessan barsiisaa fi gorsa Gooftaatiin guddisaa malee hin aarsinaa.

04 Faarfannaa 78:4

Nus waan kana ijoollee isaanii duraa hin dhoksinu; hojii Waaqayyoo ulfina qabeessa sana, humna isaatii fi dinqii inni hojjete, dhaloota itti aanutti ni himna.

05 Fakkeenya 29:17

Ilma kee adabadhu, inni nagaa siif kenna; lubbuu kees ni gammachiisa.

06 Fakkeenya 22:15

Gowwummaan yaada daaʼimaa keessatti hidhameera; uleen ittiin adaban garuu irraa fageessa.

07 Fakkeenya 13:24

Namni harcummee qusatu ilma isaa jibba; kan ilma ofii jaallatu immoo ilaallachaa isa adaba.

08 2 Xiimotewos 1:5

Ani amantii kee isa dhugaa sana nan yaadadha; amantiin kunis jalqabatti akkoo kee Looʼisii fi haadha kee Ewuunqee keessa ture; amma immoo akka si keessa jiru nan amana.

09 Fakkeenya 1:8-9

Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhaggeeffadhu; barsiisa haadha keetii illee hin gatin. Wanni kun mataa kee miidhagsuudhaaf gonfoo, morma kee bareechuudhaaf immoo faaya siif taʼa.

10 Isaayyaas 54:13

Waaqayyo ilmaan kee hunda ni barsiisa; nagaan ijoollee keetiis guddaa taʼa.

11 Keessa Deebii 4:9

Akka waan iji kee arge hin daganneef yookaan akka hamma ati lubbuudhaan jirtutti garaa keetii hin badneef ofuma eeggadhu; jabaadhuu of eeggadhu. Waan kanas ijoollee keetii fi ijoollee ijoollee ijoollee keetii barsiisi.

12 3 Yohannis 1:4

Ijoolleen koo dhugaadhaan jiraachuu isaanii dhagaʼuu caalaa ani gammachuu guddaa hin qabu.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban