Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Dhirsaa fi Niitii

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 7 waa'ee Dhirsaa fi Niitii dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Efesoon 5:25

Yaa dhirsoota, akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaa jaallatee isheef of kenne sana isinis niitota keessan jaalladhaa;

02 1 Phexros 3:7

Yaa dhirsoota, isinis akkasuma akka isaan dadhaboo taʼan hubadhaatii ulfina isaaniif kennuudhaan niitota keessan wajjin jiraadhaa; kanas sababii isaanis isin wajjin ayyaana jireenyaa dhaalaniif akka wanni tokko iyyuu kadhaa keessan hin gufachiifneef jedhaatii godhaa.

03 Efesoon 5:33

Taʼus isin keessaa tokkoon tokkoon namaa akkuma of jaallatutti niitii ofii haa jaallatu; niitiinis dhirsa ofii haa kabajju.

04 Qolosaayis 3:18-19

Yaa niitota, akka Gooftaaf taʼutti dhirsoota keessaniif ajajamaa. Yaa dhirsoota, isinis niitota keessan jaalladhaa; isaanittis hin hammaatinaa.

05 1 Qorontos 7:3

Dhirsi waan niitii isaatiif malu haa guutuuf; niitiinis akkasuma dhirsa isheetiif haa guuttu.

06 1 Phexros 3:1

Yaa niitota, yoo dhirsoonni dubbicha hin amanne tokko tokko jiraatan akka isaan dubbii tokko malee amaluma niitota isaaniitiin boojiʼamaniif isinis akkasuma dhirsoota keessaniif ajajamaa;

07 Efesoon 5:28

Akkasuma immoo dhirsoonni niitota isaanii akkuma dhagna ofii isaaniitti jaallachuu qabu. Namni niitii ofii jaallatu of jaallata.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban