Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Warra Kabajuu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 7 waa'ee Warra Kabajuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Akka biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.
Yaa ijoolle, Gooftaaf jedhaatii abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun qajeelaadhaatii. Ajajni jalqabaa kan waadaa qabu, “Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni” jedha; kunis, “Akka sitti toluu fi akka lafa irra bara dheeraa jiraattuuf.”
Abbaa kee kan si dhalche dhagaʼi; haadha kees yeroo isheen jaartu hin tuffatin.
Yaa ijoolle, waan hundumaan abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun Gooftaa gammachiisaatii.
Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhaggeeffadhu; barsiisa haadha keetii illee hin gatin.
“ ‘Tokkoon tokkoon keessan haadha keessanii fi abbaa keessaniif ulfina kennaa; Sanbatoota koos eegaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
Yaa ilma ko, ajaja abbaa keetii eegi; barsiisa haadha keetii illee hin gatin.