Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Gaa'ela, Maatii fi Ijoollee Guddisuu

Waaqayyo gaaʼela, maatii fi ijoollee guddisuu iddoo jaalalaa fi amanamummaa isaa itti calaqqisan godhee tolche. Dhirsoota, niitiiwwan, warraa fi ijoollee akka Gooftaa keessatti wal kabajan waama. Caqasoonni kun ogummaa fi ayyaana isaa mana keessatti fidu.

Gaaʼela — Uumama 2:24

Kanaafuu namni abbaa fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaatti ni maxxana; isaanis foon tokko taʼu.

Dhirsaa fi Niitii — Efesoon 5:25

Yaa dhirsoota, akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaa jaallatee isheef of kenne sana isinis niitota keessan jaalladhaa;

Ijoollee Guddisuu — Efesoon 6:4

Yaa abbootii, isinis ijoollee keessan barsiisaa fi gorsa Gooftaatiin guddisaa malee hin aarsinaa.

Ijoollee — Faarfannaa 127:3

Kunoo, ijoolleen kennaa Waaqayyoo ti; iji gadameessaas badhaasa isaa ti.

Warra Kabajuu — Baʼuu 20:12

Akka biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.

Ijoollee Waaqayyoon Sodaatan Guddisuu — Fakkeenya 22:6

Daaʼima tokko karaa inni irra deemuu qabu barsiisi; inni gaafa dulloome iyyuu karaa sana irraa hin jalʼatu.

Mana — Iyyaasuu 24:15

Isin garuu yoo Waaqayyoon tajaajiluu hin barbaanne, waaqota abbootiin keessan Laga gamatti tajaajilaa turan sana yookaan waaqota Amoorotaa biyya isaanii keessa jiraattan kanneenii keessaa harʼa filadhaa. Anii fi manni koo garuu Waaqayyoon waaqeffanna.”

Jaalalaa fi Kabaja — Efesoon 5:33

Taʼus isin keessaa tokkoon tokkoon namaa akkuma of jaallatutti niitii ofii haa jaallatu; niitiinis dhirsa ofii haa kabajju.

Niitii Amala Gaarii Qabdu — Fakkeenya 31:10

Niitii amala gaarii qabdu eenyutu argachuu dandaʼa? Isheen lula diimaa caalaa gati qabeettii dha.

Jaalalaan Adabuu — Fakkeenya 13:24

Namni harcummee qusatu ilma isaa jibba; kan ilma ofii jaallatu immoo ilaallachaa isa adaba.

Amantii Maatii — 2 Xiimotewos 1:5

Ani amantii kee isa dhugaa sana nan yaadadha; amantiin kunis jalqabatti akkoo kee Looʼisii fi haadha kee Ewuunqee keessa ture; amma immoo akka si keessa jiru nan amana.

Foon Tokko — Maarqos 10:8

lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu.’ Egaa isaan siʼachi foon tokko malee lama miti.

Funyoo Foʼaa Sadii — Lallaba 4:12

Namni tokko moʼatamuu dandaʼa; namoonni lama garuu of irraa deebisuu dandaʼu. Funyoon foʼaa sadiin foʼame dafee hin citu.