Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Jaalalaan Adabuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 7 waa'ee Jaalalaan Adabuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Fakkeenya 13:24

Namni harcummee qusatu ilma isaa jibba; kan ilma ofii jaallatu immoo ilaallachaa isa adaba.

02 Fakkeenya 22:15

Gowwummaan yaada daaʼimaa keessatti hidhameera; uleen ittiin adaban garuu irraa fageessa.

03 Ibroota 12:11

Adabbiin hundinuu yeroo sana waan nama gaddisiisu malee waan nama gammachiisu hin fakkaatu. Ergasii garuu warra adabbii sanaan leenjifamaniif ija qajeelummaa fi nagaa kenna.

04 Fakkeenya 29:17

Ilma kee adabadhu, inni nagaa siif kenna; lubbuu kees ni gammachiisa.

05 Fakkeenya 3:11-12

Yaa ilma ko, adabbii Waaqayyoo hin tuffatin; dheekkamsa isaas hin jibbin. Waaqayyo akkuma abbaa ilma ofii isaa jaallatu tokkootti warra jaallatu ni adabaatii.

06 Fakkeenya 19:18

Yeroo abdiin jirutti ilma kee adabadhu; akka inni duʼuufis calʼistee hin ilaalin.

07 Mulʼata 3:19

Ani warran jaalladhu nan ifadha; nan adabas. Kanaafuu jabaadhu; qalbii jijjiirradhus.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban