Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Gaaʼela

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 12 waa'ee Gaaʼela dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Uumama 2:24

Kanaafuu namni abbaa fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaatti ni maxxana; isaanis foon tokko taʼu.

02 Efesoon 5:31

“Sababii kanaaf namni abbaa fi haadha isaa dhiisee niitii isaatti ni maxxana; lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu.”

03 Ibroota 13:4

Fuudhaa fi heerumni nama hunda biratti haa kabajamu; sireen fuudhaa fi heerumaas qulqulluu haa taʼu; Waaqni ejjitootaa fi sagaagaltootatti ni muraatii.

04 Maarqos 10:9

Kanaafuu waan Waaqni tokko taasise namni gargar hin baasin.”

05 Fakkeenya 18:22

Namni niitii argatu waan gaarii argata; fuula Waaqayyoo durattis surraa argata.

06 1 Qorontos 13:4-7

Jaalalli obsa qaba; jaalalli arjaa dha. Inni hin hinaafu; hin kooru; ofis hin tuulu. Jaalalli waan hin malle hin hojjetu; ofittoo miti; dafee hin aaru; hammina namatti hin lakkaaʼu. Jaalalli dhugaatti gammada malee waan hamaatti hin gammadu. Jaalalli waan hunda ni obsa; waan hunda ni amana; waan hunda abdata; waan hunda keessattis jabaatee dhaabata.

07 Qolosaayis 3:14

Kana hundumaa irrattis jaalala waan hundumaa tokkummaa hirʼina hin qabneen walitti hidhu qabaadhaa.

08 Weedduu 8:6-7

Akkuma chaappaatti laphee kee irra, akkuma chaappaatti irree kee irra na kaaʼadhu; jaalalli akkuma duʼaa jabduudhaatii; hinaaffaan isaas akkuma awwaalaa hamaa dha. Inni akkuma ibidda balaliʼuu, akkuma arraba ibidda jabaa bobaʼa. Bishaan baayʼeen jaalala dhaamsuu hin dandaʼu; lagnis dhiqee isa balleessuu hin dandaʼu. Namni tokko qabeenya mana isaa hunda yoo jaalalaaf kenne qabeenyi sun guutumaan guutuutti ni tuffatama.

09 Lallaba 4:9-10

Isaan sababii hojii isaaniitiif gatii gaarii waan argataniif nama tokko irra nama lama wayya: Yoo inni tokko kufe, inni kaan ol isa qaba. Garuu namni kufee kan ol isa kaasu hin qabne garaa nama nyaata!

10 Fakkeenya 5:18-19

Burqaan kee haa eebbifamu; niitii dargaggummaa keetiitti gammadi. Isheen miidhagduu akka borofaa, bareedduu akka gadamsaa ti; harmi ishee yeroo hunda sitti haa tolu; yeroo hunda jaalalli ishee si haa boojiʼu.

11 1 Qorontos 7:2-3

Garuu waan halalummaan jiruuf dhiirri hundi niitii ofii isaa haa qabaatu; dubartiin hundis dhirsa ofii ishee haa qabaattu. Dhirsi waan niitii isaatiif malu haa guutuuf; niitiinis akkasuma dhirsa isheetiif haa guuttu.

12 Miilkiyaas 2:15

Waaqayyo tokko isaan hin goonee? Isaan fooniinis hafuuraanis kanuma isaa ti. Inni maaliif tokko isaan godhe? Sababii inni sanyii Waaqa sodaatu barbaadaa tureef. Kanaafuu of eeggadhaa; eenyu iyyuu amanamummaa niitii qeerrummaa isaatiif qabu hin cabsin.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban