Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Ogummaadhaan Deemuu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 10 waa'ee Ogummaadhaan Deemuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Baricha furuudhaan warra alaa wajjin hubannaadhaan jiraadhaa.
Egaa isin akkamitti akka jiraattan jabeessaa of eeggadhaa! Akka ogeeyyiitti jiraadhaa malee akka warra ogeeyyii hin taʼiniitti hin jiraatinaa; waan guyyoonni kunneen hamoo taʼaniif baricha furaa.
Isin keessaa namni tokko iyyuu hanqina ogummaa yoo qabaate, Waaqa utuu hin tuffatin nama hundumaaf arjummaan kennu haa kadhatu; isaafis ni kennama.
Ogummaan waan hunda caalti; kanaafuu ogummaa argadhu. Yoo isheen waan ati qabdu hunda si baasifte illee hubannaa argadhu.
Sababii kanaaf nu gaafa waaʼee keessan dhageenyee jalqabnee isinii kadhachuu fi akka Waaqni karaa ogummaatii fi hubannaa hafuuraa hundaan beekumsa fedhii isaatiin isin guutu kadhachuu hin dhiifne. Kunis akka isin hojii gaarii hundaan ija naqachaa, Waaqa beekuudhaanis guddachaa, jireenya Gooftaaf maluu fi kan karaa hundaan isa gammachiisu jiraattaniif;
Garaa kee guutuun Waaqayyoon amanadhu; hubannaa kees hin abdatin; karaa kee hunda keessatti isa dursi; innis daandii kee siif qajeelcha.
“ Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti; isa Qulqulluu Sana beekuun hubannaa dha.
Ogummaan samii irraa dhufu garuu duraan dursee qulqulluu dha; akkasumas nagaa qabeessa; garraamii dha; ajajamaa dha; kan araaraa fi ija gaariin guutamee dha; wal caalchisuu fi itti fakkeessuus of keessaa hin qabu.
Akka nu garaa ogummaadhaan guutame qabaannuuf, bara keenya lakkaaʼuu nu barsiisi.
Waaqayyo ogummaa namaa kennaatii; afaan isaa keessaa illee beekumsaa fi hubannaatu baʼa.