Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Murtii Kennuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Murtii Kennuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Fakkeenya 16:9

Namni garaa isaa keessatti karaa isaa karoorfata; Waaqayyo garuu tarkaanfii isaa illee ni murteessa.

02 Fakkeenya 3:5-6

Garaa kee guutuun Waaqayyoon amanadhu; hubannaa kees hin abdatin; karaa kee hunda keessatti isa dursi; innis daandii kee siif qajeelcha.

03 Yaaqoob 1:5

Isin keessaa namni tokko iyyuu hanqina ogummaa yoo qabaate, Waaqa utuu hin tuffatin nama hundumaaf arjummaan kennu haa kadhatu; isaafis ni kennama.

04 Fakkeenya 19:21

Garaa namaa keessa karoora baayʼeetu jira; garuu wanni fiixaan baʼu kaayyoo Waaqayyoo ti.

05 Faarfannaa 37:23

Adeemsi nama Waaqayyo biraa ajajama; inni karaa namicha sanaatti ni gammada.

06 Qolosaayis 3:15

Nagaan Kiristoos kan isin akkuma kutaa dhagna tokkootti itti waamamtan sun garaa keessan keessatti haa moʼu. Warra galateeffattanis taʼaa.

07 Fakkeenya 21:5

Karoorri nama tattaaffatuu buʼaa argamsiisa; namni ariifatu garuu ni hiyyooma.

08 Fakkeenya 14:8

Ogummaan hubattootaa akka isaan karaa isaanii beekan isaan godha; gowwummaan gowwootaa garuu karaa irraa isaan balleessa.

09 Luqaas 14:28

“Mee isin keessaa namni tokko gamoo ijaarrachuu barbaada haa jennuu; namichi sun gamoo sana ijaaree fixuuf horii gaʼaa qabaachuu fi qabaachuu baachuu isaa beekuuf duraan dursee taaʼee gatii isaa hin herregatuu?

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban