Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Ogummaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 13 waa'ee Ogummaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Yaaqoob 1:5

Isin keessaa namni tokko iyyuu hanqina ogummaa yoo qabaate, Waaqa utuu hin tuffatin nama hundumaaf arjummaan kennu haa kadhatu; isaafis ni kennama.

02 Fakkeenya 2:6

Waaqayyo ogummaa namaa kennaatii; afaan isaa keessaa illee beekumsaa fi hubannaatu baʼa.

03 Fakkeenya 9:10

“ Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti; isa Qulqulluu Sana beekuun hubannaa dha.

04 Qolosaayis 2:3

badhaadhummaan ogummaa fi beekumsaa hundinuus isuma keessa dhokfameera.

05 1 Qorontos 1:30

Isin sababii isaatiin kan Kiristoos Yesuus taatan; inni ogummaa keenya kan Waaqa biraa dhufe jechuunis qajeelummaa keenya, qulqullummaa fi furii keenyaa dha.

06 Fakkeenya 4:7

Ogummaan waan hunda caalti; kanaafuu ogummaa argadhu. Yoo isheen waan ati qabdu hunda si baasifte illee hubannaa argadhu.

07 Yaaqoob 3:17

Ogummaan samii irraa dhufu garuu duraan dursee qulqulluu dha; akkasumas nagaa qabeessa; garraamii dha; ajajamaa dha; kan araaraa fi ija gaariin guutamee dha; wal caalchisuu fi itti fakkeessuus of keessaa hin qabu.

08 Lallaba 7:12

Akkuma maallaqni daʼoo taʼe sana ogummaanis daʼoo dha; faayidaan beekumsaa garuu kana: innis ogummaan warra ishee qabaniif jireenya kennuu ishee ti.

09 Fakkeenya 3:13

Namni ogummaa argatu kan hubannaas argatu eebbifamaa dha;

10 Efesoon 5:15-16

Egaa isin akkamitti akka jiraattan jabeessaa of eeggadhaa! Akka ogeeyyiitti jiraadhaa malee akka warra ogeeyyii hin taʼiniitti hin jiraatinaa; waan guyyoonni kunneen hamoo taʼaniif baricha furaa.

11 Fakkeenya 16:16

Ogummaa argachuun warqee caala; hubannaa argachuunis meetii caala!

12 Daaniʼel 2:21

Inni barootaa fi waqtiilee ni geeddara; mootota teessoo irra ni teessisa; irraa buusas. Inni ogeeyyiif ogummaa, beektotaafis hubannaa ni kenna.

13 Faarfannaa 111:10

Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti; warri sirna isaa faana buʼan hundinuu hubannaa gaarii qabu. Galanni isaa bara baraan jiraata.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban