Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Gorsa
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 10 waa'ee Gorsa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Qajeelfama dhabiisaan sabni ni kufa; baayʼina gorsitootaatiin garuu nagaatu argama.
Karoorri gorsa hin qabne fiixaan hin baʼu; garuu gorsitoota hedduudhaan ni milkaaʼa.
Nama gowwaa karaan isaa qajeelaa itti fakkaata; namni ogeessi garuu gorsa dhagaʼa.
Gorsa namaa dhaggeeffadhu; sirreeffamas fudhadhu; dhuma irratti ati nama ogeessa taata.
Ati gorsa keetiin na qajeelchita; ergasii immoo ulfinatti na galchita.
Gorsaan karoora baafadhu; qajeelfama ogummaatiin waraana bani.
waraana banuuf qajeelfama, moʼannaa argachuudhaaf immoo gorsitoota hedduu si barbaachisa.
Karoorri Waaqayyoo garuu bara baraan, yaadni garaa isaas dhaloota hundumaa keessatti cimee ni dhaabata.
Mucaan nuuf dhalateera; ilmi nuuf kennameera; mootummaan gatiittii isaa irra jiraata. Innis Gorsaa Dinqisiisaa, Waaqa Jabaa, Abbaa Bara baraa, Mootii Nagaa jedhamee ni waamama.
ogeeyyiin dhaggeeffatanii barumsa isaanii irratti waa haa dabalatan; warri qalbii qabanis qajeelfama haa argatan;