Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Qajeelfama

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 12 waa'ee Qajeelfama dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Faarfannaa 32:8

Ani karaa ati irra deemtu irratti sin qajeelcha; sin barsiisas; ani ija koo jaalalaatiin sin ilaala; sin gorsa.

02 Fakkeenya 3:5-6

Garaa kee guutuun Waaqayyoon amanadhu; hubannaa kees hin abdatin; karaa kee hunda keessatti isa dursi; innis daandii kee siif qajeelcha.

03 Isaayyaas 30:21

Ati yeroo gara mirgaatti yookaan gara bitaatti gortutti, dugda kee duubaan sagalee, “Karaan kana; isa irra deemi” jedhu tokko gurri kee ni dhagaʼa.

04 Yohannis 16:13

Hafuurri dhugaa sun yommuu dhufutti gara dhugaa hundaatti isin geessa. Inni waan dhagaʼu qofa dubbata malee ofuma isaatiin hin dubbatu; waan dhufuuf jirus isinitti hima.

05 Faarfannaa 25:9

Warra gad of qaban waan qajeelaa taʼeen geggeessa; karaa isaas isaan barsiisa.

06 Isaayyaas 58:11

Waaqayyo yeroo hunda si geggeessa; inni lafa aduudhaan gubate keessatti iyyuu fedhii kee siif guuta; lafee kees ni jabeessa. Ati akka lafa biqiltuu bishaan quufee, akka burqaa hin gognees ni taata.

07 Faarfannaa 48:14

Waaqni kun bara baraa hamma bara baraatti Waaqa keenyaatii; inni hamma dhumaatti illee nu qajeelcha.

08 Faarfannaa 73:24

Ati gorsa keetiin na qajeelchita; ergasii immoo ulfinatti na galchita.

09 Faarfannaa 25:5

ati Waaqa Fayyisaa koo waan taateef, dhugaa keetiin na dura buʼi; na barsiisi; anis guyyaa guutuu sin eeggadha.

10 Fakkeenya 16:9

Namni garaa isaa keessatti karaa isaa karoorfata; Waaqayyo garuu tarkaanfii isaa illee ni murteessa.

11 Faarfannaa 143:10

Ati sababii Waaqa koo taateef, akka ani fedhii kee guutu na barsiisi; hafuurri kee gaariin sun karaa wal qixxee irra na haa qajeelchu.

12 Baʼuu 15:13

Ati saba furte sana, jaalala kee hin geeddaramneen geggeessita. Jabina keetiinis gara iddoo jireenya keetii qulqulluutti isaan qajeelchita.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban