Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Amani, Of Irratti Hin Hirkatin
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Amani, Of Irratti Hin Hirkatin dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Garaa kee guutuun Waaqayyoon amanadhu; hubannaa kees hin abdatin;
karaa kee hunda keessatti isa dursi; innis daandii kee siif qajeelcha.
Karaa kee Waaqayyotti kennadhu; isa amanadhu; inni siif milkeessa.
“Namni Waaqayyoon amanatu, kan abdiin isaas isuma taʼe garuu eebbifamaa dha. Inni akkuma muka qarqara bishaanii dhaabame, kan hidda isaa ededa lagaa irra yaafatuu taʼa. Yommuu hoʼi dhufu hin sodaatu; baalli isaa yeroo hunda lalisaa dha. Mukni sun bara hongee illee hin yaaddaʼu; ija naqachuus hin dhiisu.”
Inni sitti irkateeraatii, nama yaadni garaa isaa si wajjin jiru, ati nagaa hirʼina hin qabneen isa eegda.
Warri maqaa kee beekan si amanatu; yaa Waaqayyo, ati warra si barbaadan gattee hin beektuutii.
Nama amanachuu irra, Waaqayyotti kooluu galuu wayya.
Namni of amanatu gowwaa dha; kan ogummaadhaan deemu immoo nagaadhaan jiraata.