Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Duraan Dursaa Mootummaa Barbaadaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 6 waa'ee Duraan Dursaa Mootummaa Barbaadaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Maatewos 6:33

Garuu duraan dursaatii mootummaa isaatii fi qajeelummaa isaa barbaadaa; wanni kun hundinuu akkasuma isiniif kennama.

02 Maatewos 6:34

Kanaafuu waaʼee boriitiif hin yaaddaʼinaa; bor ofii isaatiif ni yaaddaʼaatii. Hamminni guyyaa sanaa mataan isaa guyyicha ni gaʼa.

03 Qolosaayis 3:1-2

Egaa isin erga Kiristoos wajjin kaafamtanii waan ol gubbaa, mirga Waaqaa iddoo Kiristoos taaʼu sana jiru barbaadaa. Waan ol gubbaa yaadaa malee waan lafa irraa hin yaadinaa.

04 Faarfannaa 27:4

Ani waan tokko Waaqayyoon nan kadhadha; waan kanas nan barbaada: Kunis bara jireenya kootii guutuu mana Waaqayyoo keessa jiraachuu, miidhagina Waaqayyoo ilaaluu fi mana qulqullummaa isaa keessatti isa kadhachuu dha.

05 Luqaas 12:31

Garuu mootummaa isaa barbaadaa; wanni kun akkasuma isiniif kennama.

06 Maatewos 13:44

“Mootummaan samii qabeenya lafa qotiisaa keessa dhokfame fakkaata. Namni tokkos qabeenya kana argatee deebisee dhokse; innis waan gammadeef dhaqee waan qabu hunda gurguree lafa qotiisaa sana bitate.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban