Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Ibiddaan Qulqulleeffamuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 14 waa'ee Ibiddaan Qulqulleeffamuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 1 Phexros 1:7

Wanni kunis akka amantiin keessan kan warqee yoo ibiddaan qulqulleeffame iyyuu badu sana caalu sun dhugaa taʼuun isaa mirkaneeffamee, yeroo itti Yesuus Kiristoos mulʼatutti galata, ulfinaa fi kabaja fiduuf taʼe.

02 Zakkaariyaas 13:9

Ani harka sadaffaa kana ibiddattin naqa; akkuma meetii baqsee isaan nan qulqulleessa; akka warqeetti isaan nan qora. Isaan maqaa koo ni waammatu; anis deebii nan kennaaf; ani, ‘Isaan saba koo ti’ nan jedha; isaan immoo, ‘ Waaqayyo Waaqa keenya’ jedhu.”

03 Miilkiyaas 3:3

Inni akkuma nama meetii baqsee qulqulleessuu ni taʼa; Lewwotas calalee akka warqeettii fi meetiitti qulqulleessa. Ergasiis Waaqayyo namoota qajeelummaadhaan aarsaa isaaf fidan ni qabaata;

04 Iyyoob 23:10

Inni garuu karaa ani baʼu ni beeka; yommuu inni na qoruttis ani akka warqee taʼee nan mulʼadha.

05 Isaayyaas 48:10

Kunoo, ani yoo akka meetiitti taʼuu baate iyyuu si qulqulleesseera; ibidda dhiphinaa keessattis qoree si ilaaleera.

06 Fakkeenya 17:3

Okkoteen waa itti baqsan meetiif, boolli ibiddaa immoo warqeef; Waaqayyo garuu garaa namaa qora.

07 Faarfannaa 66:10

Yaa Waaqayyo, ati nu qorteertaatii; akkuma meetiis nu qulqulleessiteerta.

08 Isaayyaas 1:25

Ani harka koo sitti nan deebisa; ligidaaʼummaa kees akka malutti sirraa nan haqa; xurii kee hundas sirraa nan balleessa.

09 Daaniʼel 12:10

Namoonni baayʼeen ni qulqulleeffamu; warra hirʼina hin qabne ni taʼu; ni calalamus; hamoonni garuu ittuma fufanii hammaatu. Namoota hamoo keessaa tokko iyyuu hin hubatan; ogeeyyiin garuu ni hubatu.

10 Yaaqoob 1:12

Namni qorumsa obsu eebbifamaa dha; inni yommuu qorametti jabaatee waan dhaabateef gonfoo jireenyaa kan Waaqni warra isa jaallataniif waadaa gale sana ni argataatii.

11 1 Qorontos 3:13

guyyaan sun waan ifatti isa baasuuf hojiin isaa maal akka taʼe ni beekama. Innis ibiddaan ifatti baafama; ibiddi sunis qulqullina hojii nama hundaa ni qora.

12 Iyyoob 42:5

Gurri koo waaʼee kee dhagaʼee ture; amma garuu iji koo si argeera.

13 Roomaa 5:3-5

Kana qofa miti; nu dhiphina keenyattis ni gammanna; akka dhiphinni obsa fidu ni beeknaatii; obsi jabaatanii dhaabachuu, jabaatanii dhaabachuun immoo abdii fida. Jaalalli Waaqaa karaa Hafuura Qulqulluu nuu kennamee sanaatiin garaa keenya keessatti waan dhangalaafameef abdiin nu hin qaanessu.

14 2 Qorontos 4:17

Dhiphinni keenya inni salphaanii fi yeroodhaaf turu kun ulfina bara baraa kan waan hunda caalu nuuf fida.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban