Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Hafuura Hin Dhaamsinaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 12 waa'ee Hafuura Hin Dhaamsinaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 1 Tasaloniiqee 5:19

Hafuura hin dhaamsinaa;

02 Efesoon 4:30

Hafuura Qulqulluu Waaqaa kan guyyaa furamaatiif ittiin chaappeffamtan sana hin gaddisiisinaa.

03 1 Tasaloniiqee 5:20-21

raajii hin tuffatinaa; waan hunda qoraa. Isa gaarii jabeessaatii qabadhaa.

04 Hojii 7:51

“Yaa namoota mata jabeeyyii nana! garaan keessan hin amanu; gurri keessanis hin dhagaʼu! Isin yeroo hunda Hafuura Qulqulluun mormitu; akkuma abbootiin keessan godhan sana isinis gootu.

05 Galaatiyaa 5:25

Nu erga Hafuuraan jiraannee kottaa Hafuuraan haa deddeebinu.

06 Isaayyaas 63:10

Isaan garuu fincilanii Hafuura isaa Qulqulluu gaddisiisan. Kanaafuu inni deebiʼee diina isaanii taʼe; inni mataan isaas isaan lole.

07 Ibroota 3:7-8

Kanaafuu akkuma Hafuurri Qulqulluun jedhu: “Isin yoo harʼa sagalee isaa dhageessan, akka yeroo qorumsaa gammoojjii keessatti finciluun gootan sana, mataa hin jabaatinaa;

08 Roomaa 12:11

Gooftaa tajaajiluu keessatti hafuura gubaa qabaadhaa malee hinaaffaa hin dhabinaa.

09 Faarfannaa 51:11

Fuula kee duraa na hin balleessin; Hafuura kee Qulqulluus narraa hin fudhatin.

10 Ibroota 10:29

Nama Ilma Waaqaa irra ejjete, nama dhiiga kakuu kan ittiin qulqulleeffame sana akka waan qulqulluu hin taʼiniitti hedee fi nama Hafuura ayyaanaa arrabse tokko adabbii hammam caalaa guddaatu isaaf mala seetu?

11 Maatewos 12:31

Kanaafuu ani isinittin hima; cubbuu fi arrabsoon hundinuu namaaf ni dhiifama; Hafuura Qulqulluu arrabsuun garuu hin dhiifamu.

12 Hojii 5:3

Phexros garuu akkana jedhe; “Yaa Anaaniyaas, akka ati Hafuura Qulqulluu sobdee horii lafa gurgurattee argate irraa gartokko hambifattuuf seexanni maaliif akkas garaa kee guute?

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban