Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Of Toʼannoo

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 14 waa'ee Of Toʼannoo dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Galaatiyaa 5:23

garraamummaa fi of qabuu dha. Seerri waan akkanaa mormus hin jiru.

02 Fakkeenya 25:28

Namni of hin qabne, akkuma magaalaa dallaan isaa diigamee ti.

03 1 Qorontos 9:25

Namni dorgommii keessatti dorgomu hundinuu leenjii cimaa keessa darba. Isaan gonfoo badu argachuuf waan kana godhu; nu garuu gonfoo hin badne argachuuf waan kana goona.

04 Tiitoo 2:12

Ayyaanni kunis Waaqa malee jiraachuu fi hawwii addunyaa ganuun bara kana keessa jireenya of qabiisaa, jireenya qajeelummaatii fi jireenya Waaqatti buluu akka jiraannu nu barsiisa;

05 2 Phexros 1:6

akkasuma beekumsa irratti of qabuu, of qabuu irratti obsaan dhaabachuu, obsaan dhaabachuu irratti Waaqatti buluu,

06 Fakkeenya 16:32

Goota waraanaa irra nama obsa qabu, nama magaalaa tokko boojiʼee fudhatu irra kan of qabu wayya.

07 2 Xiimotewos 1:7

Waaqni hafuura humnaa, kan jaalalaatii fi kan of dhowwuu nuu kenne malee hafuura sodaa nuuf hin kennineetii.

08 1 Qorontos 9:27

Ani garuu warra kaaniif lallabee akka ofii kootii immoo nama gatame hin taaneef dhagna koo adabee akka inni naa ajajamu nan godha.

09 Yaaqoob 1:19

Yaa obboloota koo jaallatamoo, waan kana hubadhaa: Namni hundinuu dhagaʼuutti haa ariifatu; dubbachuuf suuta haa jedhu; aaruuttis suuta haa jedhu;

10 Galaatiyaa 5:24

Warri kan Kiristoos Yesuus taʼan immoo foon fedhii isaatii fi hawwii isaa wajjin fannisaniiru.

11 1 Phexros 5:8

Warra of qaban taʼa; dammaqaas. Diiyaabiloos diinni keessan nama liqimsu barbaadee akkuma leenca aaduu nanaannaʼaatii.

12 Fakkeenya 29:11

Gowwaan guutumaan guutuutti aariitti of kenna; ogeessi garuu of qaba.

13 1 Tasaloniiqee 5:6

Egaa kottaa nu akka warra kaanii hin rafnuu; qooda kanaa kottaa ni dammaqnaa; of qabnas.

14 Roomaa 13:14

Qooda kanaa Yesuus Kiristoos Goofticha uffadhaa; akka itti hawwii foonii gammachiiftan hin yaadinaa.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban