Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Jaalalli Kennaa Hunda Caalu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 15 waa'ee Jaalalli Kennaa Hunda Caalu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 1 Qorontos 13:13

Egaa amantiin, abdii fi jaalalli sadan isaanii iyyuu ni jiraatu. Isaan keessaa garuu jaalalatu caala.

02 1 Qorontos 13:1

Ani yoon afaan namootaatii fi afaan ergamoota Waaqaa dubbadhe, garuu jaalala qabaachuu baannaan akkuma sibiila iyyuu yookaan akka kilillee qillisu tokkoo ti.

03 1 Qorontos 13:2

Ani yoon kennaa raajii dubbachuu qabaadhe, icciitii hundaa fi beekumsa hunda hubachuu yoon dandaʼe, amantii gaara buqqisuu dandaʼus yoon qabaadhe, garuu jaalala qabaachuu baannaan ani homaa miti.

04 1 Qorontos 13:8

Jaalalli gonkumaa hin badu. Raajii taanaan ni darba; afaan haaraa taanaan ni hafa; beekumsas taanaan ni bada.

05 Qolosaayis 3:14

Kana hundumaa irrattis jaalala waan hundumaa tokkummaa hirʼina hin qabneen walitti hidhu qabaadhaa.

06 1 Qorontos 13:4-5

Jaalalli obsa qaba; jaalalli arjaa dha. Inni hin hinaafu; hin kooru; ofis hin tuulu. Jaalalli waan hin malle hin hojjetu; ofittoo miti; dafee hin aaru; hammina namatti hin lakkaaʼu.

07 1 Qorontos 13:6-7

Jaalalli dhugaatti gammada malee waan hamaatti hin gammadu. Jaalalli waan hunda ni obsa; waan hunda ni amana; waan hunda abdata; waan hunda keessattis jabaatee dhaabata.

08 1 Yohannis 4:8

Sababii Waaqni jaalala taʼeef, namni hin jaallanne hundi Waaqa hin beeku.

09 Yohannis 13:34-35

“Akka isin wal jaallattaniif ani ajaja haaraa isiniifin kenna. Akkuma ani isin jaalladhetti isinis akkasuma wal jaalladhaa. Yoo isin jaalala waliif qabaattan namoonni hundinuu akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.”

10 Roomaa 13:8

Isin wal jaallachuu malee gatii tokko illee of irraa hin qabaatinaa; namni nama biraa jaallatu kam iyyuu seera raawwateeraatii.

11 1 Yohannis 4:16

Kanaafuu jaalala Waaqni nuuf qabu beekneerra; amanneerras. Waaqni jaalala. Namni jaalalaan jiraatu Waaqa keessa jiraata; Waaqnis isa keessa jiraata.

12 1 Phexros 4:8

Waan hunda caalaatti jaalala hoʼaa waliif qabaadhaa; jaalalli cubbuu baayʼee dhoksaatii.

13 Roomaa 13:10

Jaalalli ollaa isaa hin miidhu. Kanaafuu jaalalli raawwii seeraa ti.

14 1 Yohannis 4:19

Nu sababii inni duraan dursee nu jaallateef isa jaallanna.

15 Galaatiyaa 5:6

Kiristoos Yesuusitti jiraannaan dhagna qabachuun yookaan qabachuu baachuun faayidaa tokko illee hin qabuutii. Wanni gatii qabu amantii jaalalaan of mulʼisu qofa.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban