Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Kennaa Hafuuraa
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 12 waa'ee Kennaa Hafuuraa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Mulʼanni Hafuura Qulqulluu garuu faayidaa waliitiif tokkoo tokkoo namaatiif kennama.
Waan kana hundas Hafuuruma tokkicha sanatu akkuma fedhii ofii isaatti tokkoo tokkoo namaatiif dhuunfaatti hiruudhaan hojjeta.
Nu akkuma ayyaana nuu kennameetti kennaa garaa garaa qabna. Yoo kennaan nama tokkoo raajii dubbachuu taʼe, inni akkuma amantii isaatitti haa dubbatu.
Isa tokkoof karaa Hafuuraatiin dubbii ogummaatu kennama; isa kaaniif immoo Hafuuruma sanaan dubbii beekumsaatu kennama; isa kaaniif Hafuuruma sanaan amantiitu kennama; isa kaaniif immoo Hafuuruma tokkicha sanaan kennaawwan warra dhukkubsatan fayyisuutu kennama; isa tokkoof dinqiiwwan hojjechuu, isa kaaniif raajii dubbachuu, isa kaaniif hafuurota addaan baasee beekuu, isa kaaniifis afaan haaraa gosa adda addaa dubbachuu, isa kaaniif immoo afaan haaraa sana hiikuutu kennama.
Innis namoota tokko tokko ergamoota, kaan raajota, kaan lallabdoota wangeelaa, kaan immoo tiksootaa fi barsiistota taasisee kenne; waan kanas akka dhagni Kiristoos ijaaramuuf qulqulloota hojii tajaajilaatiif qopheessuuf jedhee godhe;
Waaqni waldaa Kiristaanaa keessatti tokkoffaa ergamoota, lammaffaa raajota, sadaffaa barsiistota, ergasiis warra hojii dinqii hojjetan, itti aansees warra kennaa dhukkubsattoota fayyisuu qaban, warra namoota gargaaruu dandaʼan, warra kennaa bulchiinsaa qabanii fi warra afaan haaraa gosa addaa addaa dubbatan filateera.
Tokkoon tokkoon namaa kennaa warra kaan tajaajiluuf argate kam iyyuu akkuma abbaa imaanaa amanamaa kan ayyaana Waaqaa bifa garaa gaaraatiin jiru sanaa tokkootti itti fayyadamuu qaba.
Nu akkuma ayyaana nuu kennameetti kennaa garaa garaa qabna. Yoo kennaan nama tokkoo raajii dubbachuu taʼe, inni akkuma amantii isaatitti haa dubbatu. Yoo tajaajiluu taʼe, haa tajaajilu; yoo barsiisuu taʼe, haa barsiisu; yoo jajjabeessuu taʼe, haa jajjabeessu; yoo warra rakkataniif kennuu taʼe, arjummaadhaan haa kennu; yoo bulchuu taʼe, jabaatee haa bulchu; yoo maaruu taʼe, gammachuun haa maaru.
Karaa jaalalaa duukaa buʼaa; kennaawwan Hafuuraa, keessumattuu kennaa raajii cimsaatii barbaadaa.
Waaqni mallattoon, raajii fi hojii dinqii adda addaatiin akkasumas kennaawwan Hafuura Qulqulluu kanneen akka fedhii isaatti kennamaniin dhugaa baʼeera.
Garuu akkuma safara kennaa Kiristoositti tokkoo tokkoo keenyaaf ayyaanni kennameera.
Amma garuu Waaqni akkuma ofii barbaadetti kutaawwan sana adduma addaan dhagna keessa kaaʼeera.