Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Dibamuu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Dibamuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Garuu dibanni isin isa irraa argattan sun waan isin keessa jiraatuuf namni tokko iyyuu isin barsiisuu hin barbaachisu; dibanni isaa sun garuu waan waaʼee hundumaa isin barsiisuuf, dibanni sun waan dhugaa malee soba hin taʼiniif akkuma inni isin barsiise sanatti isumaan jiraadhaa.
Isin garuu Isa Qulqulluu sanaan dibamtaniirtu; isin hundis dhugaa ni beektu.
Egaa kan akka nu isin wajjin Kiristoositti jabaannee dhaabannu godhuu fi kan nu dibe Waaqa;
Kunis akka Waaqni Yesuus nama Naazreeti sana Hafuura Qulqulluu fi humnaan dibee fi akka Yesuus waan gaarii hojjechaa fi warra humna diiyaabiloos jala turan fayyisaa biyya hunda keessa nanaannaʼee dha; Waaqni isa wajjin tureetii.
Ati utuma diinonni koo ilaalanuu fuula koo duratti maaddii naa qopheessita. Mataa koo zayitii dibda; xoofoon koos guutuu irraan dhangalaʼaa dha.
“Hafuurri Gooftaa narra jira; akka ani hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf, inni na dibeeraatii. Inni akka ani akka warri hidhaman hiikaman, akka warri jaaman argan, akka warri cunqurfamanis bilisa baʼan lallabuuf na ergeera;
Sababii Waaqayyo akka ani hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf na dibeef, Hafuurri Waaqayyo Gooftaa narra jira. Inni akka ani garaa cabe fayyisuuf, akka ani boojiʼamtootaaf bilisummaa, warra hidhamaniif immoo hiikamuu lallabuuf na ergeera;
Kanaafuu Saamuʼeel gaanfa zayitii fuudhee fuula obboloota isaa duratti isa dibe; guyyaa sanaa jalqabee Hafuurri Waaqayyoo humnaan Daawit irra buʼe. Saamuʼeelis gara Raamaa deeme.