Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Ija Hafuuraa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 15 waa'ee Ija Hafuuraa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Galaatiyaa 5:22-23

Iji Hafuuraa garuu jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, arjummaa, gaarummaa, amanamummaa, garraamummaa fi of qabuu dha. Seerri waan akkanaa mormus hin jiru.

02 Yohannis 15:5

“Ani muka wayinii ti; isini immoo dameewwan. Namni yoo na keessa jiraate, anis yoon isa keessa jiraadhe inni ija baayʼee naqata; isin narraa gargar baatanii homaa gochuu hin dandeessaniitii.

03 Maatewos 7:17

Akkasumas mukni gaariin hundumtuu ija gaarii naqata; mukni gadheen immoo ija gadhee naqata.

04 Galaatiyaa 5:25

Nu erga Hafuuraan jiraannee kottaa Hafuuraan haa deddeebinu.

05 Qolosaayis 1:10

Kunis akka isin hojii gaarii hundaan ija naqachaa, Waaqa beekuudhaanis guddachaa, jireenya Gooftaaf maluu fi kan karaa hundaan isa gammachiisu jiraattaniif;

06 Yohannis 15:8

Isin yoo ija baayʼee naqattanii fi yoo barattoota koo taatan, kanaan Abbaan koo ulfina argata.

07 Maatewos 7:20

Kanaaf isin ija isaaniitiin isaan beektu.

08 Fiiliphisiyuus 1:11

akka ulfinaa fi galata Waaqaatiifis iji qajeelinaa kan karaa Yesuus Kiristoosiin argamuun guutamtaniif.

09 Yaaqoob 3:17

Ogummaan samii irraa dhufu garuu duraan dursee qulqulluu dha; akkasumas nagaa qabeessa; garraamii dha; ajajamaa dha; kan araaraa fi ija gaariin guutamee dha; wal caalchisuu fi itti fakkeessuus of keessaa hin qabu.

10 Efesoon 5:9

iji ifaa gaarummaa, qajeelummaa fi dhugaa hunda keessatti argamaatii;

11 Roomaa 6:22

Amma garuu waan cubbuu irraa bilisoomtanii garboota Waaqaa taataniif faayidaan isin argattan gara qulqullummaatti isin geessa; dhumni isaas jireenya bara baraa ti.

12 Yohannis 15:16

Isinis akka dhaqxanii ija naqattaniif, iji keessanis akka jiraatuuf anatu isin filatee isin muude malee isin na hin filanne. Kunis akka Abbaan waan isin maqaa kootiin kadhattan kam iyyuu isinii kennuuf.

13 Ibroota 12:11

Adabbiin hundinuu yeroo sana waan nama gaddisiisu malee waan nama gammachiisu hin fakkaatu. Ergasii garuu warra adabbii sanaan leenjifamaniif ija qajeelummaa fi nagaa kenna.

14 Faarfannaa 1:3

Inni akkuma muka qarqara bishaan yaaʼuu dhaabamee yeroo isaatti ija isaa kennu, kan baalli isaas hin coollagnee ti; wanni inni hojjetu hundinuus ni tolaaf.

15 Qolosaayis 1:6

wangeelli kunis isin bira gaʼeera. Wangeelli kunis gaafa isin isa dhageessanii dhugumaan ayyaana Waaqaa hubattanii jalqabee akkuma isin gidduutti hojjechaa ture sana addunyaa guutuu keessattis ija naqachaa fi guddachaa jira.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban