Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Kennaa Baayʼee, Hafuura Tokko

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 11 waa'ee Kennaa Baayʼee, Hafuura Tokko dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 1 Qorontos 12:4

Kennaawwan gosa garaa garaatu jira; Hafuurri garuu tokkuma.

02 1 Qorontos 12:5-6

Tajaajila gosa garaa garaatu jira; Gooftaan garuu tokkuma. Hojii gosa garaa garaatu jira; waan hundumaa garuu Waaqa tokkichatu nama hundumaan hojjeta.

03 1 Qorontos 12:11

Waan kana hundas Hafuuruma tokkicha sanatu akkuma fedhii ofii isaatti tokkoo tokkoo namaatiif dhuunfaatti hiruudhaan hojjeta.

04 Efesoon 4:4

Akkuma yeroo waamamtanitti gara abdii tokkootti waamamtan sana, dhagna tokkoo fi Hafuura tokkotu jira;

05 Roomaa 12:5

akkasuma immoo nu warri baayʼee taane Kiristoosiin dhagna tokkoo dha; tokkoon tokkoon kutaa dhagnaa kan walii isaanii ti.

06 1 Qorontos 12:7

Mulʼanni Hafuura Qulqulluu garuu faayidaa waliitiif tokkoo tokkoo namaatiif kennama.

07 Efesoon 4:7

Garuu akkuma safara kennaa Kiristoositti tokkoo tokkoo keenyaaf ayyaanni kennameera.

08 1 Qorontos 12:14

Dhagni kutaa tokko qofa utuu hin taʼin kutaawwan baayʼeedhaatii.

09 Roomaa 12:6

Nu akkuma ayyaana nuu kennameetti kennaa garaa garaa qabna. Yoo kennaan nama tokkoo raajii dubbachuu taʼe, inni akkuma amantii isaatitti haa dubbatu.

10 Efesoon 4:11

Innis namoota tokko tokko ergamoota, kaan raajota, kaan lallabdoota wangeelaa, kaan immoo tiksootaa fi barsiistota taasisee kenne;

11 1 Qorontos 12:18

Amma garuu Waaqni akkuma ofii barbaadetti kutaawwan sana adduma addaan dhagna keessa kaaʼeera.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban