Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Harka Keessan Ol Kaasaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 14 waa'ee Harka Keessan Ol Kaasaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Faarfannaa 134:2

Mana qulqullummaa keessatti harka keessan ol qabaatii Waaqayyoon galateeffadhaa.

02 Faarfannaa 63:4

Ani hamman jirutti sin eebbisa; maqaa keetiinis harka koo ol nan qabadha.

03 1 Xiimotewos 2:8

Kanaafuu ani akka dhiironni iddoo hundatti dheekkamsaa fi wal mormii malee harka qulqullaaʼaa ol fudhatanii kadhatan nan barbaada.

04 Faarfannaa 141:2

Kadhannaan koo fuula kee duratti akka ixaanaatti anaaf haa fudhatamu; harka koo ol qabachuun koos akka aarsaa galgalaa anaaf haa taʼu.

05 Faaruu 3:41

Nu onnee keenyaa fi harka keenya gara Waaqa samii keessa jiruutti ol qabnee akkana haa jennu:

06 Faarfannaa 28:2

Yommuu ani gargaarsaaf si waammadhee harka koo illee gara Iddoo Qulqullummaa kee kan Waan Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe sanaatti ol kaafadhu, sagalee kadhannaa koo naa dhagaʼi.

07 Nahimiyaa 8:6

Izraanis Waaqayyo Waaqa guddicha galateeffate; namoonni hundinuus harka ol qabatanii, “Ameen! Ameen!” jedhanii jalaa qaban. Ergasiis gad jedhanii addaan lafatti gombifamanii Waaqayyoof sagadan.

08 Faarfannaa 88:9

Iji koo gaddaan dadhabeera. Yaa Waaqayyo, ani guyyuma guyyaan sin waammadha; harka koo illee gara keetti nan balʼifadha.

09 Faarfannaa 119:48

Ani gara ajajawwan kee kanneen ani jaalladhu sanaatti harka koo ol nan fudhadha; labsii kees irra deddeebiʼee nan yaada.

10 Faarfannaa 143:6

Harka koo gara keetti nan diriirfadha; lubbuun koos akkuma lafa gogaa si dheebotti.

11 Baʼuu 17:11

Yeroo Museen harka isaa ol qabatutti Israaʼeloonni ni moʼatu turan; yeroo inni harka isaa gad buufatu immoo Amaaleqoonni ni moʼatu turan.

12 Faarfannaa 47:1

Isin saboonni hundinuu harka keessan rukutaa; sagalee ol fudhadhaatii gammachuudhaan Waaqaaf ililchaa.

13 Anbaaqoom 3:10

tulluuwwan si arganii hollattan. Dhaʼaawwan bishaanii achiin darban; tuujubni ni huurse; dambalii isaas ol kaase.

14 1 Mootota 8:22

Solomoon iddoo aarsaa Waaqayyoo duratti fuula guutummaa waldaa Israaʼel dura dhaabatee harka isaa gara samiitti ol balʼisee

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban