Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Gara Waaqayyootti Iyyuu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Gara Waaqayyootti Iyyuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Qajeeltonni gargaarsaaf iyyatu; Waaqayyos isaan dhagaʼa. Rakkina isaanii hunda keessaas isaan baasa.
Ani dhiphina koo keessatti Waaqayyoon nan waammadhe; gargaarsaafis Waaqa kootti nan iyyadhe. Innis mana qulqullummaa isaatii sagalee koo dhagaʼe; iyyi koos gurra isaa seene.
Ani rakkina koo keessatti Waaqayyotti nan iyyadha; innis deebii naa kenna.
Innis akkana jedhe: “Ani rakkina koo keessatti Waaqayyoon waammadhe; innis deebii naaf kenne. Ani gargaarsa barbaacha garaa siiʼool keessaa nan iyye; atis iyya koo naaf dhageesse.
Waaqayyo warra isa waammatan hundatti, warra dhugaadhaan isa waammatan hundatti dhiʼoo dha.
Ani obsaan Waaqayyoon nan eeggadhe; innis gara kootti garagalee iyya koo naa dhagaʼe.
Ani guyyaa rakkina kootiitti sin waammadha; ati deebii naa kennitaatii.
Ani gargaarsaaf gara Waaqaatti nan iyyadhe; ani akka Waaqni na dhagaʼuuf nan iyyadhe.