Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Kadhannaa Keessatti Cichuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 10 waa'ee Kadhannaa Keessatti Cichuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

Caqasoota 10 hunda dabali Isaan qalbeeffachuuf herrega bilisaa uumi.
01 Luqaas 18:1 Caqasa ijoo

Yesuusis akka isaan yeroo hunda kadhachuu qabanii fi akka isaan abdii hin kutanne isaan barsiisuuf jedhee fakkeenya tokko barattoota isaatti hime.

02 Luqaas 11:9-10

“Kanaafuu ani isinittin hima: Kadhadhaa, isiniif ni kennamaa; barbaadaa, ni argattuu; rurrukutaa, balballi isiniif ni banamaa. Namni kadhatu hundi ni argataatii; namni barbaadu ni argata; nama rurrukutuufis balballi ni banama.

03 Qolosaayis 4:2

Warra dammaqanii galateeffatan taʼuudhaan kadhannaatti jabaadhaa.

04 Roomaa 12:12

Abdiidhaan gammadaa; dhiphina obsaa; kadhannaatti cimaa.

05 Luqaas 18:7

Waaqni immoo filatamtoota isaa warra halkanii guyyaa gara isaatti iyyataniif murtii qajeelaa hin kennuu? Isaan duraa tursaa ree?

06 Luqaas 11:8

Ani isinittin hima; sababii inni michuu isaa taʼeef jedhee kaʼee buddeena sana isaaf kennuu baatu illee, sababii ija jabina namicha sanaatiif jedhee kaʼee waan isa barbaachisu hunda ni kennaaf.

07 Efesoon 6:18

Kadhannaa fi waammata gosa hundaa keessatti yeroo hunda Hafuuraan kadhadhaa. Kanas yaadatti qabachaa yeroo hunda dammaqaatii qulqulloota hundaaf jabaadhaa kadhadhaa.

08 1 Tasaloniiqee 5:17

utuu gargar hin kutin kadhadhaa.

09 Luqaas 18:5

sababii niitiin kun deddeebitee na rakkiftuuf murtii qajeelaa nan kennaaf; yoo kanaa achii deddeebitee na dadhabsiifti.’ ”

10 Uumama 32:26

Namichis, “Waan bariʼuu gaʼeef gad na dhiisi” jedhe. Yaaqoob garuu, “Yoo ati na eebbifte malee ani gad si hin dhiisu” jedhee deebise.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban