Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Kadhannaa Namaaf Godhamu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 7 waa'ee Kadhannaa Namaaf Godhamu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 1 Xiimotewos 2:1

Egaa ani akka waammachuun, kadhannaan, namaaf kadhachuu fi galanni maqaa nama hundaatiin dhiʼeeffamu duraan dursee nan gorsa;

02 Yaaqoob 5:16

Kanaafuu akka fayyitaniif cubbuu keessan walitti himadhaatii walii kadhadhaa. Kadhannaan nama qajeelaa humna qaba; waan guddaas ni hojjeta.

03 Efesoon 6:18

Kadhannaa fi waammata gosa hundaa keessatti yeroo hunda Hafuuraan kadhadhaa. Kanas yaadatti qabachaa yeroo hunda dammaqaatii qulqulloota hundaaf jabaadhaa kadhadhaa.

04 Roomaa 8:26

Akkasumas Hafuurri dadhabbii keenya irratti nu gargaara. Nu waan kadhachuu qabnu hin beeknuutii; hafuurri mataan isaa garuu aaduu ibsamuu hin dandaʼamneen nuuf kadhata.

05 Qolosaayis 4:2

Warra dammaqanii galateeffatan taʼuudhaan kadhannaatti jabaadhaa.

06 1 Xiimotewos 2:1-2

Egaa ani akka waammachuun, kadhannaan, namaaf kadhachuu fi galanni maqaa nama hundaatiin dhiʼeeffamu duraan dursee nan gorsa; nus akka Waaqa sodaachuu hundumaan, ulfinaanis jireenya nagaatii fi tasgabbiin jiraannuuf moototaa fi warra taayitaa qaban hundumaafis akkasuma haa godhamu.

07 Iyyoob 42:10

Erga Iyyoob michoota isaatiif kadhatee booddee Waaqayyo deebisee isa sooromsee qabeenya inni duraan qabu sana harka lama kenneef.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban