Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Utuu Hin Dhaabatin Kadhadhaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 13 waa'ee Utuu Hin Dhaabatin Kadhadhaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 1 Tasaloniiqee 5:17

utuu gargar hin kutin kadhadhaa.

02 Qolosaayis 4:2

Warra dammaqanii galateeffatan taʼuudhaan kadhannaatti jabaadhaa.

03 Efesoon 6:18

Kadhannaa fi waammata gosa hundaa keessatti yeroo hunda Hafuuraan kadhadhaa. Kanas yaadatti qabachaa yeroo hunda dammaqaatii qulqulloota hundaaf jabaadhaa kadhadhaa.

04 Luqaas 18:1

Yesuusis akka isaan yeroo hunda kadhachuu qabanii fi akka isaan abdii hin kutanne isaan barsiisuuf jedhee fakkeenya tokko barattoota isaatti hime.

05 Roomaa 12:12

Abdiidhaan gammadaa; dhiphina obsaa; kadhannaatti cimaa.

06 Hojii 1:14

Hundi isaaniis dubartootaa fi Maariyaam haadha Yesuus wajjin, obboloota isaa wajjinis utuu gargar hin kutin yaada tokkoon kadhannaatti jabaachaa turan.

07 Hojii 2:42

Isaanis barsiisa ergamootaatti, jireenya tokkummaatti, buddeena caccabsuutti, Waaqa kadhachuuttis ni jabaatan.

08 Daaniʼel 6:10

Daaniʼelis yommuu akka labsiin sun baʼe beeketti kutaa mana isaa kan foddaan isaa gara Yerusaalemitti garagalutti ol baʼe. Innis akkuma yeroo kaan godhu guyyaatti yeroo sadii jilbeenfatee Waaqa isaa kadhate, galatas galcheef.

09 Faarfannaa 55:17

Ani galgala, ganamaa fi waareetti dhiphinaan nan iyya; innis sagalee koo ni dhagaʼa.

10 1 Seenaa 16:11

Waaqayyoo fi humna isaa barbaaddadhaa; yeroo hunda fuula isaa barbaadaa.

11 Fiiliphisiyuus 4:6

Waan hundumaa keessatti Waaqa kadhachuu fi waammataan, galata wajjinis gaaffii keessan Waaqatti dhiʼeeffadhaa malee waan tokko illee hin yaaddaʼinaa.

12 Hojii 6:4

Waaqa kadhachuu fi dubbii isaa barsiisuutti jabaannaa.”

13 Roomaa 1:9

Akka ani kadhannaa koo keessatti utuu wal irraa hin kutin isin yaadadhu Waaqni ani wangeela Ilma isaa lallabuudhaan hafuura kootiin isa tajaajilu sun dhuga baatuu koo ti;

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban