Isaayyaas 8
Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)
1Waaqayyo akkana naan jedhe; “Gabatee guddaa tokko fuudhiitii isa irratti, ‘Maheer-Shaalaal-Haash-Baaz’ jedhii qubee beekamaadhaan barreessi.”
2Anis akka isaan dhuga baatota amanamoo taʼaniif Uuriyaa lubichaa fi Zakkaariyaas ilma Yeberekiyaa nan waammadha.
3Anis raajittii bira nan gaʼe; isheenis ulfooftee ilma deesse. Waaqayyo akkana naan jedhe; “Maqaa isaa Maheer-Shaalaal-Haash-Baaz jedhii moggaasi.
4Utuu mucaan kun ‘Aabboo’ yookaan ‘Aayyoo’ jechuu hin beekin dura qabeenyi Damaasqootii fi boojuun Samaariyaa mootii Asooriin fudhatama.”
5Waaqayyo ammas akkana jedhee natti dubbate:
6“Sabni kun bishaan Shilooʼaa kan suuta yaaʼu sana dhiisee Reziinii fi ilma Remaaliyaatti gammadeeraatii;
7kanaafuu Gooftaan, lolaa guddaa kan laga Efraaxiis jechuunis mootii Asoor ulfina isaa hunda wajjin saba kanatti fida. Lolaan sunis guutee boʼoo isaa irra yaaʼee ededa isaa hunda irra dhangalaʼa.
8Lolaan sunis hamma morma gaʼutti guutee irra dhangalaʼee keessa darbuudhaan waan hundumaa haxaaʼee Yihuudaatti geessa. Yaa Amaanuʼel! Qoochoon isaa balʼifamee guutummaa biyya keetii ni haguuga.”
9Yaa saboota, burkutaaʼaa! Isin warri biyya fagoo jirtan hundi dhaggeeffadhaa. Waraanaaf hidhadhaa; taʼus burkutaaʼaa! Waraanaaf hidhadhaa; taʼus burkutaaʼaa!
10Mariʼadhaa; garuu faayidaa hin qabu; karoorfadhaa; garuu fiixaan hin baʼu; Waaqni nu wajjin jiraatii.
11Waaqayyo harka isaa jabaa sanaan natti dubbatee akka ani karaa saba kanaa irra hin deemneef akkana jedhee na akeekkachiiseeraatii:
12“Isin waan uummanni kun fincila jedhu hundaan fincila hin jedhinaa; waan isaan sodaatan hin sodaatinaa; hin raafaminaa.
13Kan isin akka qulqulluutti ilaaluu qabdan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu tokkicha; kan isin sodaachuu qabdan isuma; kan isin hollachuufii qabdanis isuma.
14Inni iddoo qulqulluu taʼa; manneen Israaʼel lamaaniif garuu inni dhagaa nama gufachiisu, kattaa nama kuffisu taʼa. Saba Yerusaalemitti garuu inni kiyyoo fi futtaasaa taʼa.
15Hedduun isaanii ni gufatu; isaan kufanii caccabu; futtaasaa seenanii qabamu.”
16Dhuga baʼumsa kana walitti qabsiisi; seera kanas barattoota koo gidduutti chaappaadhaan cufi.
17Waaqayyo mana Yaaqoob duraa fuula isaa dhokfate sana nan eeggadha. Ani isa nan amanadha.
18Anii fi ijoolleen Waaqayyo naa kenne kunoo ti. Nu Israaʼel keessatti Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu kan Tulluu Xiyoon irra jiraatu sanaaf mallattoo fi fakkeenya.
19Yommuu namni tokko dhaqaatii ilaaltootaa fi eker dubbistoota kanneen hasaasanii fi guunguman waa gaafadhaa isiniin jedhutti sabni tokko Waaqa isaa gorsa gaafachuu hin qabuu? Isaan waaʼee jiraattotaa maaliif warra duʼan gaafatu?
20Akka seeraa fi dhuga baʼumsa sanaatti jiraadhaa! Isaan yoo akka dubbii kanaatti dubbachuu baatan ifa barii hin qaban jechuu dha.
21Isaan rakkina guddaa fi beelaan biyya keessa jooru; yommuu beelaʼanittis akka malee aaranii, ol ilaalanii mootii isaaniitii fi Waaqa isaanii abaaru.
22Ergasiis gara lafaa ilaalanii rakkina guddaa, dukkanaa fi hurrii sodaachisaa argu; isaanis dukkana hamaatti darbatamu.
Isaayyaas
Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.
© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0