Isaayyaas 12

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

Ati gaafas akkana jetta: “Yaa Waaqayyo, ati natti aartee turte; aariin kees narraa deebiʼeera; na jajjabeessiteertaatii sin galateeffadha.

Dhugumaan Waaqni fayyina koo ti; ani isa nan abdadha; hin sodaadhus. Waaqayyo, Waaqayyo mataan isaa, jabinaa fi faarfannaa koo ti; inni fayyina koo taʼeera.”

Isin burqaa fayyinaa keessaa gammachuudhaan bishaan waraabbattu.

Isin bara sana keessa akkana jettu: “ Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaa waammadhaa; waan inni hojjete sabootatti beeksisaa; akka maqaan isaa ol ol jedhe lallabaa.

Inni waan ulfina qabu hojjeteeraatii Waaqayyoon faarfadhaa; wanni kun addunyaa hunda keessatti haa beekamu.

Yaa saba Xiyoon, Qulqullichi Israaʼel isin gidduutti guddaadhaatii sagalee ol fudhadhaatii gammachuudhaan faarfadhaa.”

Isaayyaas

Dubbisaa walqunnamtii banaa hiikaa jijjiiruuf, qubee sirreessuuf, fi caqasoota mallattoo gochuuf — yookaan caqasoota mata dureedhaan ilaali.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0