Isaayyaas 56

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

1Waaqayyo akkana jedha: Sababii fayyisuun koo dhiʼaatee fi qajeelummaan koo dafee mulʼatuuf, “Murtii qajeelaa eegaa; waan qajeelaas hojjedhaa.

2Namni waan kana hojjetu, kan waan kanattis cimu, kan Sanbata utuu hin xureessin eeguu fi waan hamaa kam iyyuu hojjechuu irraa harka isaa eeggatu eebbifamaa dha.”

3Alagaan Waaqayyotti cichee tokko, “ Waaqayyo dhugumaan saba isaa irraa addaan na baasa” hin jedhin. Xuʼaashiin kam iyyuus, “Ani mukuma gogaadha” ofiin hin jedhin.

4Waaqayyo akkana jedhaatii: “Xuʼaashiiwwan Sanbatoota koo eegan, kanneen waan na gammachiisu filatanii fi kakuu koo jabeessanii eeganiif,

5ani mana qulqullummaa kootii fi dallaa isaa keessatti yaadannoo fi maqaa ilmaanii fi intallan caalu tokko nan kennaaf; ani maqaa bara baraa kan hin haqamne isaaniif nan kenna.

6Alagoota isa tajaajiluuf, maqaa Waaqayyoo jaallachuuf, isa waaqeffachuuf Waaqayyotti cichan kanneen Sanbata utuu hin xureessin eeganii fi kakuu koos cimsanii eegan hunda,

7ani gara tulluu koo qulqulluutti isaan nan fida; mana kadhannaa koo keessattis gammachuu isaaniif nan kenna. Aarsaan isaanii kan gubamuu fi qalmi, iddoo aarsaa koo irratti fudhatama ni argata; manni koo saboota hundaaf, mana sagadaa jedhamee waamamaatii.”

8Waaqayyo Gooftaan, inni Israaʼeloota bittinnaaʼan walitti qabu sun akkana jedha: “Ani warra duraan walitti qabaman biratti, warra kaanis gara isaaniitti walitti nan qaba.”

9Bineensonni dirree hundi, bineensonni bosonaa hundis kottaatii itti gaggabaa nyaadhaa!

10Eegdonni Israaʼel jaamota, isaan hundi beekumsa hin qaban; hundi isaanii saroota duudaa dha; dutuus hin dandaʼan; isaan ciisanii abjootu; rafuus ni jaallatu.

11Isaan saroota albaadheyyii dha; nyaataniis hin quufan. Isaan tiksoota hubannaa hin qabnee dha; hundi isaanii daandii ofii isaanii irra deemu; tokkoon tokkoon isaanii faayidaa ofii isaanii barbaadu.

12Tokkoon tokkoon isaanii akkana jedhu; “Kottaa daadhii wayinii dhugnaa! Kottaa dhugaatii cimaa dhugnee quufnaa! Guyyaan borii akkuma harʼaa taʼa; yookaan caaluu iyyuu ni dandaʼa.”

Isaayyaas

Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0