Isaayyaas 55

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

1“Isin warri dheebottan hundinuu kottaa; gara bishaanii kottaa; isin warri maallaqa hin qabne, kottaatii bitadhaa; nyaadhaas! Kottaatii maallaqaa fi gatii malee daadhii wayiniitii fi aannan bitadhaa.

2Isin maaliif waan buddeena hin taʼinitti maallaqa baaftu? Waan nama hin quubsine irrattis maaliif humna keessan fixxu? Dhagaʼaa; na dhagaʼaa; waan gaarii nyaadhaa; lubbuun keessanis coomaan haa gammaddu.

3Gurra naaf kennaatii gara koo kottaa; akka lubbuun keessan jiraattuufis na dhagaʼaa. Ani kakuu bara baraa isin wajjin nan gala; innis jaalala amanamaa isa Daawit abdachiifame sanaa dha;

4kunoo ani sabootaaf dhuga baatuu isa godheera; hoogganaa fi ajajaa sabootaas isa taasiseera.

5Sababii Waaqayyo Waaqni kee, Qulqullichi Israaʼel sun, ulfina siif kenneef, ati dhugumaan saboota hin beekne ni waamta; saboonni si hin beeknes ariitiidhaan gara kee dhufu.”

6Yeroo inni argamutti Waaqayyoon barbaaddadhaa; yeroo inni dhiʼoo jiruttis isa waammadhaa.

7Namni hamaan karaa isaa, namni jalʼaan immoo yaada isaa haa dhiisu. Inni gara Waaqayyootti haa deebiʼu; innis ni araaramaaf; gara Waaqa keenyaatti haa deebiʼu; dhiifamni isaa baayʼeedhaatii.

8“Yaadni koo yaada keessan, karaan keessanis karaa koo miti” jedha Waaqayyo.

9“Akkuma samiiwwan lafa irraa ol fagaatan sana, karaan koo karaa keessan irraa, yaadni koos yaada keessan irraa ol fagoo dha.

10Akkuma bokkaa fi cabbiin samiidhaa roobu sana, akka lafti biqila biqilchitee isa facaafatuuf sanyii, isa nyaatuuf immoo buddeena kennituuf malee utuu ishee hin quubsin hin deebine sana,

11dubbiin koo kan afaan kootii baʼus fedhii koo raawwata; kaayyoo ani isa ergeefis galmaan gaʼa malee harka duwwaa gara kootti hin deebiʼu.

12Isin gammachuudhaan baatu; nagaadhaan geggeeffamtu; tulluuwwanii fi gaarran, fuula keessan duratti ililchanii faarfatu; mukkeen dirree hundinuus harka walitti rukutu.

13Qooda qoraattii birbirsi, qooda sokorruus kusaayeen ni biqila. Kunis Waaqayyoof yaadannoo, mallattoo bara baraa kan hin badne taʼa.”

Isaayyaas

Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0