Isaayyaas 62
Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)
1Hamma qajeelummaan ishee akka barii barraaqaa, fayyinni ishee akka guca bobaʼuu ifutti, ani waaʼee Xiyoon hin calʼisu; waaʼee Yerusaalemis afaan hin qabadhu.
2Saboonni qajeelummaa kee, mootonni hundinuus ulfina kee ni argu; ati maqaa haaraa, kan afaan Waaqayyoo siif baasuun ni waamamta.
3Ati harka Waaqayyoo keessatti gonfoo ulfinaa, harka Waaqa keetii keessattis marata mootii ni taata.
4Ati siʼachi, Gatamtuu hin jedhamtu, yookaan biyyi kee Ontuu hin jedhamtu. Ati garuu, “Ani isheetti nan gammada” jedhamta; biyyi kees “kan heerumte” jedhamti; Waaqayyo sitti gammadaatii, biyyi kee ni heerumti.
5Akkuma dargaggeessi durba fuudhu, ilmaan kee si fuudhu; akkuma misirrichi misirrittiitti gammadu, Waaqni kees sitti gammada.
6Yaa Yerusaalem, ani dallaawwan kee irratti eegdota ramadeera; isaan gonkumaa halkanii fi guyyaa hin calʼisan. Isin warri Waaqayyoon waammattan, ofii keessaniif boqonnaa hin kenninaa;
7hamma inni Yerusaalemin cimsee ijaaree akka isheen lafa irratti leellifamtuu taatu godhutti boqonnaa isaaf hin kenninaa.
8Waaqayyo akkana jedhee harka isaa mirgaatii fi irree isaa jabaa sanaan kakateera; “Ani lammata midhaan kee nyaata godhee diinota keetiif hin kennu; namoonni ormaas lammata daadhii wayinii haaraa kan ati itti dadhabde hin dhugan;
9garuu warri galfatan midhaan sana ni nyaatu; Waaqayyoonis ni galateeffatu; warri ija wayinii guurratanis oobdii iddoo qulqulluu koo keessatti ni dhugu.”
10Keessa darbaa; karrawwan keessaan darbaa! Uummataaf karaa qopheessaa. Tolchaa; karaa guddaa tolchaa! Dhagaawwan bubuqqisaa. Sabootaafis faajjii ol qabaa.
11Waaqayyo akkana jedhee hamma moggaa lafaatti labseera; “Intala Xiyooniin akkana jedhaa: ‘Kunoo Fayyisaan kee ni dhufa! Badhaasni isaa kunoo isa harka jira; beenyaan inni namaaf baasus isuma wajjin jira.’ ”
12Isaanis Saba Qulqulluu, Furamtoota Waaqayyoo jedhamanii ni waamamu; atis barbaadamtuu, Magaalaa Siʼachi Hin Onne ni jedhamta.
Isaayyaas
Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.
© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0