Isaayyaas 43

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

1Amma garuu yaa Yaaqoob, Waaqayyo inni si uume, yaa Israaʼel, inni si tolche akkana jedha: “Ani si fureeraatii hin sodaatin; ani maqaa keetiin si waameera; ati kan koo ti.

2Yommuu ati bishaan keessa dabartu, ani si wajjinan jira; yommuu ati lageen ceetus, isaan si hin liqimsan. Yommuu ibidda keessa deemtu, ati hin gubattu; arrabni ibiddaas si hin gubu.

3Ani Waaqayyo Waaqni kee, Qulqullichi Israaʼel Fayyisaa keeti; ani biyya Gibxi furii keetiif, qooda kee immoo Kuushii fi Saabaa nan kenna.

4Waan ati ija koo duratti jaallatamaa fi kabajamaa taateef, anis waanan si jaalladhuuf, qooda kee namoota qooda lubbuu keetii immoo saboota nan kenna.

5Ani si wajjinan jiraatii hin sodaatin; ani ijoollee kee baʼa biiftuutii nan fida; lixa biiftuutiis walitti sin qaba.

6Ani Kaabaan, ‘Isaan gad dhiisi!’ Kibbaan immoo ‘Isaan hin dhowwin’ nan jedha. Ilmaan koo fagoodhaa, intallan koo immoo handaara lafaatii fidi;

7kan maqaa kootiin waamame hunda, kanneen ani ulfina kootiif uume, warra ani tolchee fi hojjedhe sana fidaa.”

8Warra utuu ija qabanuu jaamanii utuu gurra qabanuu duudan gad baasi.

9Sabni hundi tokkummaadhaan walitti haa qabamu; namoonnis wal haa gaʼan. Isaan keessaa namni duraan dursee waan kana nutti himee wantoota duraas nuuf labse eenyu? Akka warri kaan dhagaʼanii, “Kun dhugaa dha” jedhaniif, akka dhugaa qabeeyyii taʼuun isaanii mirkaneeffamuuf isaan dhuga baatota isaanii haa dhiʼeeffatan.

10Waaqayyo akkana jedha; “Akka isin beektanii na amantaniif akka ani isa taʼes akka hubattaniif isin dhuga baatota koo, garbicha koo kan ani filadhee dha. Anaan dura waaqni hin hojjetamne; anaan booddees hin jiraatu.

11Ana, anuma qofatu Waaqayyo; ana malees fayyisaan biraa hin jiru.

12Ani mulʼiseera; fayyiseera; labseeras; ana malee waaqni ormaa gidduu keessan hin turre. Akka ani Waaqa taʼe, isin dhuga baatota koo ti” jedha Waaqayyo.

13“Bara duriitii jalqabee ani isuma. Namni tokko iyyuu harka kootii waa baasuu hin dandaʼu. Ani nan hojjedha; eenyutu dhowwuu dandaʼa?”

14Waaqayyo Furiin kee, Qulqullichi Israaʼel akkana jedha: “Ani isiniif jedhee Baabilonitti loltoota ergee dooniiwwan isaan ittiin boonaniin namoota Baabilon hunda boojiʼee nan fida.

15Ani Waaqayyo, Qulqullicha keessan, Uumaa Israaʼel, Mootii keessanii dha.”

16Waaqayyo inni, galaana keessaan karaa, bishaanota jajjaboo keessaan immoo daandii tolche akkana jedha;

17inni gaariiwwanii fi fardeen, loltootaa fi gargaartota isaanii tokkummaadhaan ariʼee baase akkana jedha; isaan achuma ciciisu; lammatas hin kaʼan; akkuma foʼaa ibsaattis dhaamanii badu;

18“Wantoota durii irraanfadhaa; waan darbettis hin cichinaa.

19Kunoo, ani waan haaraa tokko nan hojjedhaa! Innis amma ni biqila; isin hin hubattanii? Ani gammoojjii keessatti karaa nan qopheessa; lafa onaa keessattis burqaa nan burqisiisa.

20Bineensonni bosonaa, waangoowwanii fi guchiiwwan ulfina naaf kennu; akka sabni koo kan ani filadhe dhuguuf, ani gammoojjii keessatti bishaan, lafa onaa keessattis burqaa nan kennaatii;

21sabni ani ofii kootiif filadhe akka na galateeffatuuf ture.

22“Yaa Yaaqoob, ati garuu na hin waammanne; yaa Israaʼel, ati fuula koo duratti dadhabdeerta.

23Ati aarsaa gubamuu fi hoolota naaf hin fidne; yookaan aarsaa keetiin ulfina naaf hin kennine. Ani aarsaa midhaaniitiin si hin rakkifne; yookaan aarsaa ixaanaa gaafachuudhaan si hin dadhabsiifne.

24Ati qundhii urgaa gaarii qabu naa hin binne; yookaan cooma qalma keetiitiin na hin quubsine. Garuu baʼaa cubbuu keetii natti feete; yakka keetiinis na dadhabsiifte.

25“Kan ofii kootiif jedhee yakka kee sirraa haqee cubbuu kees deebiʼee hin yaadanne, ani anuma.

26Mee waan darbe irra naa deebiʼi; walitti dhufnee dubbii kana irratti haa falminu; dubbii kee dhiʼeeffadhuutii qajeelaa taʼuu kee mirkaneeffadhu.

27Abbaan kee kan jalqabaa cubbuu hojjete; barsiistonni kee natti fincilan.

28Kanaafuu ani itti gaafatamtoota mana qulqullummaa keetii nan salphisa; Yaaqoobin badiisaaf, Israaʼelin immoo tuffiif dabarsee nan kenna.

Isaayyaas

Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0