Isaayyaas 18
Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)
1Biyya lageen Itoophiyaatiin gamaa kan qoochoo isheetiin shaakkiftuuf wayyoo;
2isheen galaana irra, bidiruu dhallaadduutiin ergamoota bishaan irra ergiti. Yaa ergamoota ariifattoota, gara saba dhedheeroo kanneen gogaan isaanii lallaafuu, gara saba fagoo fi dhiʼoottis sodaatamuu, saba jabaa fi afaan isaa hin beekamne kan biyyi isaanii lageeniin gargar qoodamte sanaa dhaqaa.
3Isin uummanni addunyaa hundi, warri lafa irra jiraattan yeroo mallattoon gaara irratti ol qabamu ni argitu; yeroo malakanni afuufamus inuma dhageessu.
4Waaqayyo akkana naan jedhe: “Ani akkuma hoʼa ifa aduu keessatti calaqqisuu, akkuma duumessa fixeensaa kan hoʼa yeroo midhaan galchaniitti calʼisee iddoo jireenya kootii nan ilaala.”
5Haamaa midhaaniitiin dura, yeroo hudhaan daraaree daraaraan sunis ija wayinii bilchaatee taʼutti inni billaa ittiin qoraniin lataa isaa ni ciccira; damee babalʼates irraa murmuree ni balleessa.
6Isaan hundinuu allaattii tulluu kan waa adamsuu fi bineensota bosonaatiif dhiifamu; allaattiin bona guutuu, bineensonni bosonaas ganna guutuu isaan nyaatu.
7Gaafas saba dhedheeroo kanneen gogaan isaanii lallaafu irraa, saba fagoo fi dhiʼoottis sodaatamu irraa, saba jabaa fi afaan isaa hin beekamne kan biyyi isaanii lageeniin gargar qoodamte irraa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuuf kennaan ni fidama; kennaan sunis gara Tulluu Xiyoon, iddoo Maqaan Waaqayyo Waan hunda dandaʼu jiraatutti ni fidama.
Isaayyaas
Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.
© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0