Isaayyaas 44
Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)
1“Amma garuu yaa Yaaqoob garbicha ko, yaa Israaʼel kan ani si filadhe, dhaggeeffadhu.
2Waaqayyo inni si uume, kan gadameessa keessatti si tolche, inni si gargaaru sun akkana jedha: Yaa garbicha koo Yaaqoob, yaa Yishuruun kan ani si filadhe hin sodaatin.
3Ani lafa dheebote irratti bishaan, lafa gogaa irratti burqaa nan dhangalaasaatii; ani ijoollee kee irratti Hafuura koo, sanyii kee irratti immoo eebba koo nan dhangalaasa.
4Isaan akkuma marga bishaan gidduutii fi akka muka alaltuu kan qarqara lagaa jiruutti ni lalisu.
5Namni tokko, ‘Ani kan Waaqayyoo ti’ ofiin jedha; kan biraa maqaa Yaaqoobiin of waama; kaan immoo harka isaa irratti, ‘Ani kan Waaqayyoo ti’ jedhee barreeffata; maqaa Israaʼeliinis of waama.
6“ Waaqayyo Mootii fi Furiin Israaʼel Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: Ani kan jalqabaa ti; ani kan dhumaatis; ana malee Waaqni biraa hin jiru.
7Yoos kan akka koo eenyu? Mee inni hafuura haa baafatu. Inni waan erga ani saba koo kan durii hundeessee as taʼe, waan hamma ammaatti hin taʼin haa dubbatu; fuula koo durattis haa ibsu; waan gara fuulduraatti taʼu illee duraan dursee haa himu.
8Hin rifatinaa; hin sodaatinaa. Ani waan kana labsee bara dheeraan dura sitti hin himnee? Isin dhuga baatota koo ti. Ana malee Waaqni biraa jiraa? Lakkii, Kattaan biraa hin jiru; ani tokko iyyuu hin beeku.”
9Warri waaqota tolfamoo tolchan hundi gatii hin qaban; wanni isaan hawwan faayidaa hin qabu. Warri isaaniif falmanis jaamota; isaan beekumsa hin qaban; kanaafuu ni qaaneffamu.
10Eenyutu waaqa tolfamaa fi fakkii homaa isa hin fayyadne tolcha?
11Isaa fi namni akka isaa ni qaaneffama; ogeeyyiin hojii harkaas namootuma malee homaa miti. Isaan hundi walitti qabamanii iddoo tokko haa dhaabatan; isaan ni naʼu; ni salphatus.
12Tumtuun meeshaa ittiin waa tumu harkatti qabatee cilee bobaʼu irratti ittiin hojjeta; inni burruusaan waaqa tolfamaa tolcha; irree isaa jabaadhaanis ni miidhagsa. Inni ni beelaʼa; humnas ni dhaba; bishaan hin dhugu; ni gaggabas.
13Namni muka soofu funyoodhaan safara cilaattiidhaan mallattoo itti godha; qirixiidhaan qiriixee safartuudhaan mallattoo itti godha. Fakkii namaatiin hojjeta; akka inni galma waaqeffannaa keessa jiraatuufis miidhagina namaa itti tolcha.
14Inni birbirsa mura; gaattiraa yookaan qilxuu filata. Akka inni mukkeen bosonaa keessatti guddatuuf ni dhiisa; yookaan hadheessa dhaaba; bokkaanis isa guddisa.
15Mukni sun qoraan bobeeffamu taʼa; namni muraasa isaa fudhatee bobeessee qaqqaammata; ibidda qabsiisee buddeena ittiin tolfata. Waaqa sobaas tolfatee waaqeffata; waaqa tolfamaas tolfatee gad jedhee sagadaaf.
16Gartokkee mukkeen sanaa ni bobeessa; isa irratti nyaata bilcheeffata; foonis irratti waaddatee hamma quufutti nyaata. Ibidda qaqqaammachaas, “Ishoo! Ibiddi natti hoʼe; ibidda nan arga” jedha.
17Mukkeen hafaniin immoo waaqa sobaa, waaqa isaa tolfamaa tolfata; gad jedhees ni sagadaaf. Isa kadhatees, “Situ Waaqa koo ti; na baraari” jedhaan.
18Isaan homaa hin beekan; homaa hin hubatanis; akka arguu hin dandeenyeef iji isaanii haguugameera; akka hin hubanneefis qalbiin isaanii cufameera.
19Namni tokko iyyuu itti hin yaadu; namni tokko iyyuu akkana jechuuf beekumsa yookaan hubannaa hin qabu; “Ani walakkaa isaa qoraan godhadheera; cilee isaa irratti buddeena tolfadhee foon ittiin waaddadhee nyaadheera. Ani amma waan hafe kanaan waan jibbisiisaa nan hojjedhaa? Ani gad jedhee jirmaaf sagaduu qabaa?”
20Inni daaraa nyaata; garaan gowwoomfames karaa irraa isa jalʼiseera; inni of oolchuu yookaan, “Wanni harka koo mirgaa keessa jiru kun soba mitii?” jechuu hin dandaʼu.
21“Yaa Yaaqoob, ati waan kana yaadadhu; yaa Israaʼel, ati garbicha koo ti. Ani si tolcheera; atis garbicha koo ti; yaa Israaʼel, ani si hin dagadhu.
22Ani yakka kee akkuma duumessaa, cubbuu kees akkuma hurrii ganamaa haxaaʼee balleesseera. Ani si fureeraatii, ati gara kootti deebiʼi.”
23Yaa samiiwwan, Waaqayyo waan kana godheeraatii gammachuudhaan faarfadhaa; yaa qileewwan lafaa, gammachuudhaan iyyaa. Isin yaa tulluuwwan, bosonoonnii fi mukkeen keessan hundi ililchaa; Waaqayyo Yaaqoobin furee Israaʼel keessatti ulfina isaa ibseeraatii.
24“ Waaqayyo Furiin kee, kan gadameessa keessatti si tolche akkana jedha: Ani Waaqayyo Tolchaan waan hundaa isa samiiwwan diriirse, isa ofuma kootiin lafa illee diriirsee dha;
25isa mallattoo raajota sobaa busheessee ilaaltota raatessu, isa ogeeyyii duubatti deebisee beekumsa isaanii faayidaa dhabsiisuu dha;
26isa dubbii garboota isaa mirkaneessee raajii ergamoota isaa fiixaan baasu, isa, ‘Isheen iddoo jireenyaa ni taati’ jedhee waaʼee Yerusaalem dubbate, isa, ‘Isaan ni ijaaramu, diigamaa isaaniis nan haaromsa’ jedhee waaʼee magaalaawwan Yihuudaa dubbatuu dha;
27isa tuujubaan, ‘Ati gogi; ani lageen kee nan gogsa’ jedhu,
28isa Qiirosin, ‘Inni tiksee koo ti; fedhii koo hundas ni raawwata; inni waaʼee Yerusaalem, “Isheen deebifamtee haa ijaaramtu” waaʼee mana qulqullummaa immoo, “Hundeen isaa haa hundeeffamu” jedhee dubbatu sun anuma.’
Isaayyaas
Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.
© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0