Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Karaa Isaa Irra Deemuu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 5 waa'ee Karaa Isaa Irra Deemuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Yaa Israaʼel, wanni Waaqayyo Waaqni kee sirraa barbaadu maali? Akka ati Waaqayyo Waaqa kee sodaattu, akka daandii isaa hunda irra deemtu, akka isa jaallattu, akka Waaqayyo Waaqa kee garaa kee guutuu fi lubbuu kee guutuudhaan tajaajiltu,
Yaa nama, inni waan gaarii si argisiiseera. Waaqayyo maal sirraa barbaada? Murtii qajeelaa kennuu fi araara jaallachuu, akka ati gad of qabdee Waaqa kee wajjin deemtu sirraa barbaada mitii?
Warri jireenyi isaanii mudaa hin qabne, kanneen akka seera Waaqayyootti jiraattan eebbifamoo dha. Warri ajajawwan isaa eegan, kanneen garaa guutuun isa barbaadan eebbifamoo dha.
Ati yeroo gara mirgaatti yookaan gara bitaatti gortutti, dugda kee duubaan sagalee, “Karaan kana; isa irra deemi” jedhu tokko gurri kee ni dhagaʼa.
Nu erga Hafuuraan jiraannee kottaa Hafuuraan haa deddeebinu.