Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Baasii Herreguu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Baasii Herreguu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
“Mee isin keessaa namni tokko gamoo ijaarrachuu barbaada haa jennuu; namichi sun gamoo sana ijaaree fixuuf horii gaʼaa qabaachuu fi qabaachuu baachuu isaa beekuuf duraan dursee taaʼee gatii isaa hin herregatuu?
Akkanumas isin keessaa namni waan qabu hunda hin dhiifne kam iyyuu barataa koo taʼuu hin dandaʼu.
Yesuusis deebisee, “Namni harkaan hordaa qabatee of duuba ilaalu kam iyyuu mootummaa Waaqaatiif hin malu” jedhe.
Dhugumaanuu sababii Gooftaa koo Kiristoos Yesuus isa waan hundumaa caalu sana beekuutiif ani waan hundumaa akka waan gatii hin qabneetti nan ilaala. Ani isaaf jedhee waan hundumaa dhabeera; Kiristoosin argachuufis waan hundumaa akka kosiitti nan ilaala;
“Mootummaan samii qabeenya lafa qotiisaa keessa dhokfame fakkaata. Namni tokkos qabeenya kana argatee deebisee dhokse; innis waan gammadeef dhaqee waan qabu hunda gurguree lafa qotiisaa sana bitate.
Namni fannoo ofii isaa baadhatee na duukaa hin buune kam iyyuus barataa koo taʼuu hin dandaʼu.
Namni yoo addunyaa guutuu argatee lubbuu isaa immoo dhabe buʼaa maalii argata?
Namni yoo addunyaa guutuu argatee lubbuu isaa immoo dhabe, buʼaan isaa maali? Yookaan namni qooda lubbuu isaa maal kennuu dandaʼa?
Garuu waan na fayyadaa ture amma Kiristoosiif jedhee akka waan gatii hin qabneetti nan ilaala.