Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Ajajamuu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 13 waa'ee Ajajamuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
“Isin yoo na jaallattan ajaja koo eegaa.
Saamuʼeelis deebisee akkana jedhe: “ Waaqayyo akka yeroo sagalee isaatiif ajajamanitti gammadu sana, aarsaa gubamuu fi qalmatti ni gammadaa? Ajajamuutu aarsaa caala; dhagaʼuunis cooma korbeessa hoolaa caala.
Isin garuu warra dubbicha hojii irra oolchitan taʼaa malee warra dhagaʼuu qofaan of gowwoomsitan hin taʼinaa.
Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Namni na jaallatu kam iyyuu dubbii koo ni eega. Abbaan koo isa ni jaallata; nus gara isaa ni dhufna; iddoo jireenyaas isa wajjin ni godhanna.
Waaqa jaallachuun ajaja isaa eeguu dha. Ajajni isaas hin ulfaatu.
Waaqayyo Waaqa kee jaalladhu; yeroo hundas fedhii isaa, qajeelchawwan isaa, seerawwan isaatii fi ajajawwan isaa eegi.
Kitaabni Seeraa kun afaan keetii hin buʼin. Waan isa keessatti barreeffame hunda gochuuf akka of eeggattuufis halkanii guyyaa itti yaadi. Akkasiinis ati ni badhaata; ni milkooftas.
“Isin waan ani jedhu hin hojjettan; yoos maaliif, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jettu?
Waan ani isin ajaje yoo raawwattan isin michoota koo ti.
Phexrosii fi ergamoonni kaan garuu akkana jedhanii deebisan; “Nu namaaf ajajamuu irra Waaqaaf ajajamuu qabna!
Isin yoo garboota cubbuu turtan illee amma garuu barumsa itti kennamtan sanaaf waan garaa guutuun ajajamtaniif Waaqaaf galanni haa taʼu.
Akka ijoollee ajajamanii taʼaa malee hawwii hamaa bara wallaalummaa keessanii sana duukaa hin buʼinaa.
Ani akka ati Waaqayyo Waaqa kee jaallattu, akka karaa isaa irras deemtuu fi akka ati ajajawwan isaa, qajeelchawwan isaatii fi seerawwan isaa eegdu si ajaja; ergasiis ati lubbuun jiraattee ni baayʼatta; Waaqayyo Waaqni kees biyya ati dhaaluuf itti galtutti si eebbisa.