Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Fedhiin Koo Miti
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 12 waa'ee Fedhiin Koo Miti dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
“Yaa Abbaa, yoo fedhii kee taʼe, xoofoo kana narraa fuudhi; garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin taʼin.”
Innis xinnoo achi hiiqee adda isaatiin lafatti gombifamee, “Yaa Abbaa ko, yoo dandaʼame xoofoon kun narra haa darbu. Garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin taʼin” jedhee kadhate.
Ani fedhii isa na erge sanaa guutuuf malee, fedhii koo guutachuuf samii irraa gad hin buuneetii.
Innis, “ Aabbaa, yaa Abbaa, wanni hundinuu siif ni dandaʼama. Xoofoo kana narraa fuudhi. Garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin taʼin” jedhe.
Bifa namaa uffatee argamuudhaanis, gad of deebise; duʼaaf jechuunis duʼa fannoo irraatiif iyyuu ni ajajame!
Yesuus immoo akkana jedheen; “Nyaanni koo fedhii isa na ergee guutuu fi hojii isaa raawwachuu dha.
Ani ofii kootiin waan tokko illee gochuu hin dandaʼu; ani akkuman dhagaʼutti nan murteessa; ani fedhii isa na ergee malee fedhii mataa kootii waan hin barbaanneef murtiin koo qajeelaa dha.
Yeroo sana ani, ‘Ani kunoo ti; waaʼeen koo kitaaba maramaa keessatti barreeffameera; yaa Waaqa ko, ani fedhii kee raawwachuuf dhufeera’ nan jedhe.”
Inni Ilma taʼu iyyuu dhiphina isaa sana irraa ajajamuu barate;
Yaa Waaqa ko, ani fedhii kee raawwachuutti nan gammada; seerri kee garaa koo keessa jira.”
Akkuma ajajamuu diduu nama tokkootiin namoonni baayʼeen cubbamoota taʼan, akkasuma immoo ajajamuu nama tokkootiin namoonni baayʼeen qajeeltota ni taasifamu.
Yeroo isaan isa arrabsanitti inni isaan hin arrabsine; yeroo dhiphatettis nama hin doorsifne. Garuu isa qajeelummaan muru sanatti imaanaa of kenne.