Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Of Kennuu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 5 waa'ee Of Kennuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Kanaafuu yaa obboloota, akka isin dhagna keessan aarsaa jiraataa, qulqullaaʼaa fi kan Waaqa gammachiisu gootanii dhiʼeessitaniif ani gara laafina Waaqaatiin isin kadhadha; kunis waaqeffannaa keessan kan hafuuraa ti.
Ani Kiristoos wajjin fannifameera; siʼachi Kiristoositu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Waaqaa isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha.
Ergasii Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe; “Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu. Fannoo ofii isaa baadhatees na duukaa haa buʼu.
Ergasii inni hunduma isaaniitiin akkana jedhe; “Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu; fannoo isaa guyyuma guyyaan baadhatees na duukaa haa buʼu.
Yaa ilma ko, garaa kee naa kenni; iji kees karaa koo haa ilaalu;