Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Ajajamuun Aarsaa Caala
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 5 waa'ee Ajajamuun Aarsaa Caala dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Saamuʼeelis deebisee akkana jedhe: “ Waaqayyo akka yeroo sagalee isaatiif ajajamanitti gammadu sana, aarsaa gubamuu fi qalmatti ni gammadaa? Ajajamuutu aarsaa caala; dhagaʼuunis cooma korbeessa hoolaa caala.
Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhuutii; aarsaa gubamu caalaa Waaqa beekuu nan fedha.
Yaa nama, inni waan gaarii si argisiiseera. Waaqayyo maal sirraa barbaada? Murtii qajeelaa kennuu fi araara jaallachuu, akka ati gad of qabdee Waaqa kee wajjin deemtu sirraa barbaada mitii?
Ati aarsaatti hin gammaddu malee silaa nan dhiʼeessa ture; aarsaa gubamuttis hin gammaddu. Aarsaan Waaqni fudhatu hafuura cabaa dha; Yaa Waaqi, ati garaa cabaa fi kan gaabbu hin tuffatu.
Garuu dhaqaatii dubbiin, ‘Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhu’ jedhu sun maal jechuu akka taʼe hubadhaa. Ani cubbamoota waamuufin dhufe malee qajeeltota waamuuf hin dhufneetii.”