Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Dhagna Tokko, Buʼuuraa Baayʼee

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 11 waa'ee Dhagna Tokko, Buʼuuraa Baayʼee dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 1 Qorontos 12:12

Dhagni kutaa baayʼee qabaatu illee dhagnuma tokko; kutaawwan dhagnaa yoo baayʼatani illee hundi isaanii dhagnuma tokko taʼu. Kiristoosis akkasuma.

02 1 Qorontos 12:13

Nu Yihuudoota yookaan Giriikota, garboota yookaan warra bilisooman taanus hundi keenya Hafuura tokkoon dhagna tokkotti cuuphamneerraatii; hundi keenyas, akka dhugnuuf Hafuurri tokkichi sun nuu kennameera.

03 1 Qorontos 12:27

Isin amma dhagna Kiristoos; tokkoon tokkoon keessanis kutaa dhagna sanaa ti.

04 Roomaa 12:4-5

Akkuma dhagni keenya kutaa baayʼee qabu, akkuma kutaawwan kunneenis hojii wal fakkaatu hin qabaatin sana akkasuma immoo nu warri baayʼee taane Kiristoosiin dhagna tokkoo dha; tokkoon tokkoon kutaa dhagnaa kan walii isaanii ti.

05 Efesoon 4:16

Isumaanis kutaaleen dhagnaa guutuun ribuu walitti isaan qabuun hidhamaniiru; yommuu kutaaleen dhagnaa sun hundi hojii isaanii hojjetanittis dhagni sun jaalalaan guddatee of ijaara.

06 1 Qorontos 12:14

Dhagni kutaa tokko qofa utuu hin taʼin kutaawwan baayʼeedhaatii.

07 1 Qorontos 12:18

Amma garuu Waaqni akkuma ofii barbaadetti kutaawwan sana adduma addaan dhagna keessa kaaʼeera.

08 1 Qorontos 12:25

kunis akka kutaawwan haaluma tokkoon walii yaadanii fi akka dhagna keessa gargar baʼuun hin jiraanneef.

09 Roomaa 12:5

akkasuma immoo nu warri baayʼee taane Kiristoosiin dhagna tokkoo dha; tokkoon tokkoon kutaa dhagnaa kan walii isaanii ti.

10 Qolosaayis 3:15

Nagaan Kiristoos kan isin akkuma kutaa dhagna tokkootti itti waamamtan sun garaa keessan keessatti haa moʼu. Warra galateeffattanis taʼaa.

11 Efesoon 4:25

Kanaafuu waan nu hundi miseensa walii taaneef tokkoon tokkoon keessan soba of keessaa baastanii ollaa keessanitti dhugaa dubbachuu qabdu.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban